Feesbuukii Afaan Oromoo Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Dhaabbanni Feesbuukii tooftaa salphaa icciitii dhuunfaa too’achuuf oolu beeksiseera.


Icciitii dhuunfaa Abbumatu too’achuu qaba Jedha dhaabbanni Feesbuukii

Toraan darbe, Gaggeessaan Olaanaan dhaabbata facebook, Koongireesii biyyooleessaa
irratti dhiyaatee haanga’oota olaanoo mootummaa USA irraa gaafileen ciccimoofi mataa
dhukkubbii fidan itti ka’aa turan.
Sababni Gaafilee kanaas, Odeeffannoon ji’a tokko dura bahe tokko, Waggaa lama dura
Dhaabbanni feesbuukii Odeeffannoo fayyadamtoota miliyoona dhibbaa ol-ta’an
Filannoo Biyyoolessa USA, kan President Trump irratti injifate sanaaf dhaabbata
Biyya Ingliiz tokkoo akka dabarsee kenne yeroo mirkaneessittuudha.

Kanumaaaf, Seenetarootni Olaanoon mootummaa Ameerikaa Hogganaa olaanaa
dhaabbata feesbuukii Maarki Zuukerbargi kan gaaffiilee ciccimaan
mataa dhukkubsaniifis.
Kanaan walqabatee dhaabbatichis Seera icciitii maamiltoota isaa eeguuf isa
hojitti hiikuuf kan murteeffate. Dhaabbanni feesbuukii Odeeffannoo dhuunfaa ykn mateenya(privacy) dhuunfaa kan too’achuu danda’u fayyadamaa akka ta’e ibseera. Dhaabbatichi Mi’oota(tools) adda adaa kanneen mateenya(privacy) dhuunfaa keenyaa too’achuuf gargaaran hedduu hojiirra oolchuus dubbate.

Mi’ootni yeroo ammaa hojii irra oolan kunneen Haala salphaan kan fayyadamtootni
argachuu danda’an, salphatti Qindaa’ina(settings) dhuunfaa too’achuuf kan oolan, fi akkasumas Deetaa isaanii fayyadamtootni yeroo barbaadanitti naqachuu(download) gochuu akka danda’an kan fayyadu ta’uu ibsameera.
kuni immoo Too’annoo haala salphaafi fayyadamiinsaa kan mirkaneessuufi Mala Qaxxaamuraa (shortcut) akka ta’e eerameera.

Daandii qaxxaamuraa gabaabaafi ibsa baldhaa qabuun deetaa keenya too’achuu akka dandeenyuu, akkasumas mi’oota deetaa keenya hanga ammaa ol keenye hunda naqachuuf kanneen gargaaraniifikkf fa’a.

Jijjiiramootni hedduu Qindaa’ina(Settings) keessatti akka godhaman himameera.
Jijjiiramoota godhaman keessaa:
a) Qindaa’ini Daataafi Mi’oota salphatti akka muldhatu gochuu
~ mobiledhaaf bifa haaraan baafata(menu) gubbaa hanga jalaatti hojjatameera
~ Amma booda Qindaa’inni(Settings) mi’oota(device) kamiiyyuurratti
iddoma tokkotti(walfakkaatutti) argama.
~ Qindaa’ina moofe(outdated settings) haqameera.

b) Baafata Qaxxaamura Mateenya Haaraa(New Privacy shortcuts menu)
Qaxxaamurri Mateenya haaraa(new privacy Shortcuts) – Baafata salphatti namni
kamuu dhiyeenyatti argachuudhaan deetaa isaa too’achuu danda’uufi ibsa baldhaa
qabu kan hojii kamuu fayyadamaan ittii too’achuuf ooluudha.
Isaan keessaa:
~ Eenyummeessaan fayyadamaa sanaa sirritti icciitiin isaa kan eegame ta’uu
mirkaneeffachuuf.
~ Salphaatti Odeeffannoo nama dhuunfaa too’achuuf kan oolu
~ Salphaatti Beeksisa nutti muldhatu too’achuuf kan fayyadu.
~ Dhoobbii(post)fi Fuulgocha(profile) keenya eenyufaan akka ilaaluu danda’u too’achuu

 

c) Mi’oota(tools) Deetaa keenya Feesbuukii irraa naqachuuf ykn Balleessuuf oolan
Fayyadamtootni keenya dhoobbii[post], yaada[comment], miira[reaction] fi deetaa
feesbuukii irraa qaban, yeroo isaaniif ta’etti waan fedhan(balleessuu, buufachuu, dho ksuufikkf)gochuu akka danda’aniif haala salphaa ta’een tajaajila argachuu akka qaban ibsameera.

 


Maddi Marsariitii Dhaabbatichaa – Afaan Ingliizi irraa gara Afaan Oromootti kan hiike Ogeeyyii OROMO ICTti.


Kaayyoon keenya: Hubannoo Hawaasaa Cimsuudha!

HORAA BULAA DEEBANAA
OROMO ICT and Qubee Technologies TEAM!
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com and www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *