Barnoota Moobaayilaa Lakk. IMEI Qafoo Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

#Qafoo Haaraa Gabaa irraa bitachuufi Qafoo Biyya alaatii firri namaaf ergu irratti #Ummanni Oromoo #Saamamaa ture, ammas saamamaa jira.


Gaaffii yeroo hunda Ummanni keenya itti rakkachaa jiruufi, qabeenyas itti kasaaraa jiru – guyyatti OROMO ICT gaaffii hedduu nu gaafatu, #Miidiyaaleen kunneen maaliif Hawaasa keennaaf hubannoo gahaa hawaasni keenna akka argatuuf maaliif irratti hojjachuu dhaban?
#Yeroo ammaa dhaabbanni tokkichi Biyyattii Ethio telecom #System haaraa fidee qafoo #galmeessuudhaan fayyadamaan Mobile kamuu #qafoo galmaahe malee Gahiinsa-Cimdaa dhaabbatichaa(Network covarage) keessatti akka hin hojjanne taasisee jira.
Kana jechuun namni kamiiyyuu #Network_Ethiotelecom fayyadamuuf dirqama #Dirqama dhaabbaticha kana biratti qafoosaa galmeessisuu qaba, nama biyya Alaatii dhufes dabalatee jechuudha.
Akka dhaabbatichi jedhutti, Qafoo biyya keessaa yoo bitannu, dursee kan #ethiotelecom irratti galmaaye ta’uu namni #qafoo bitatuuf gabaa bahe kamiiyyuu osoo Qafoo sana hin bitin dura, #lakkoofsa icciitii[short code] – *868# irraitti bilbilee, #qafoon kun faayidaa irra oole mo hin oolle isa jedhu ilaalee, akka #hojii-irra hin oolin erga mirkaneeffatee booda kan bitachuu qabu.

Kana jechuun – #Qafoon irra-deebi’amee(copy) ykn #forjiidii ta’ee hojjatame tokko lakkoofsa – qafoon biraa ittiin oomishameen waan oomishamuuf – #Qafoo akkasii bitannaan hin hojjatu, namni lakk-icciitii asii olitti jenne sanaan osoo adda hin baafatin bitate – #Kasaare(mallaqa-saamame) jechuudha.

Kanumaan walqabatee, #dhaabbatichi #beeksisa #AfaanAmaaraatiin hojjatame, sanuu #miidiyaalee jaraa, Habashootaa qofatti kennuun yeroo muraasaaf beeksifamaa turus, #Beeksifnu sun #Hawaasa-keenna bira baldhinaan waan hin geenneef, kanneen dhagayaniiyyuu wanticha adda waan hin baafatiniif:
~ Yeroo ammaa kana Hawaasni keenna hedduun – Qafoo #china biyya keessatti irra deebii(copy) oomishtu kana #osoo-hin mirkaneeffatin bitachaa jiru – kanaanis ummanni saamamaa jira.
~Namootni biyya alaatii dhufan ykn fira isaaniitiif #qafoo ergan – hedduun isaanii akka #Dhaabbata #Gumuruukii naannoo isaaniitti argamu deemanii galmeessifachuun tajaajilamuu qaban waan hin beekneef, waan godhan wallaalanii qabatanii taa’aa jiru, nama ergaeefinis #bilbilichi hin hojjatu jedhee namni walkomachaa jiru akka jiru OROMO ICT gaaffilee guyyaa guyyaa nu qannamu irraa mirkaneeffateera.
~Kana qofaa miti, #Bilbiloota biyya alaatii dhufe, #galmeessisuuf gara #gumuruukii yeroo geessanitti, #Baasii-humnaa oli gaafachuu, #lakkoofsa-icciitii qafoo nama dhuunfaa sana ilaalanii-#abbaa qafootiin hin hojjatu, akka hojjatu isiniif Goona jedhanii #KAFALTII hin taaneef ummanni keenna #SAAXILAMAA jiraachuu Tuutni OROMO ICT qabatamaan mirkaneeffateera.

 

Maarree, Miidiyaaleen #Saba-Kana nan tajaajila Jedhu kunneen maaliif #XIYYEEFFANNOO kennanii Hawaasni keenna akka #Baraaramu hojjachuu dhaban?

Oromia Broadcasting Service – OBS
OBN Afaan Oromoo
Oromia Media Network
BBC News Afaan Oromoo
VOA Afaan Oromoo


Hub: Bilbila Haaraa bitachuuf #Ulaagaalee barbaachisoo beekuu yoo barbaaddan immoo, #Maxxansa keenya asiin duraa kana hidhaa(link) kanaa gadii banaa ilaalaa

http://www.oroict.com/amma-booda-itoophiyaa-keessatti-qafoo-argitan-fayyadamuu-hin-dandeessan/

Author

abdiisaa

Comments (2)

  1. OWA
    March 15, 2018

    Sochii ati gootu baay’ee gaarii dha! Cimii hojjedhu SI WALIIN JIRRA!

  2. Waa Aggarroo
    March 31, 2018

    Guys which one do you think is the best between Samsung Galaxy S9 Plus and Iphone X?I need your advice because I would like to buy one in weeks time.And Great work guys!Keep it up!

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *