Yeroo amma Dhaabbanni Ethiotelecom Gatii Tajaajila Bilbila sagaleefi Internaataallee hidhisuu isaa hedduun keenya gammachuu olaanaan simannee jirra. Haatahuu malee jijjiiramni taasifame kan sadarkaa Biyyoota biraatiin ykn sadarkaa Idil-Addunyaatti gahaa dhaa? Hawaasa keenya jireenya gad-aanaa jiraatu kanaan walmadaalaa jennee yoo ilaalle, Ammas tasuma hin madaaluudha deebiin, ammas hojiin guddaan akka hojjatamuu qabutu muldhata. Kanaafuu, Ammas Hawaasni […]
Yeroo Interneeta Fayyadamnu, Hattootni koomputaraa Deetaa ykn Faayilii Koompitara ykn Mobile keenya keessa jiru akka hin tanne, akkamitti ofeeggannoo gochuu qabna? Namni tokko yeroo tajaajila interneetaa fayyadamu, Hariiroo cimdaa Idil-addunyaa keessatti hirmaachuudhaan. Kana jechuun Garee Cimdaa(Network) idil-addunyaa keessa seena. Kanaafuu Ogeessi dandeettii qabutti fayyadamee ykn Mi’a(tools) fayyadamee cimdaa keenya cabsee seenuun deetaa ykn faayilii icciitii, […]
Jechdarbii hatuu jechuun adeemsa daangaa ykn sirna(system) nuuf hin hayyamamne seenuuf yaalii taasifamuufi fakkeessanii fayyadamuuti. Gara biraatiinimmoo, Aartii yaaliidhaan jechdarbii tokko hayyama malee argachuudhaan sirna(system) nuuf hin hayyamamin akka fayyadamnu nu dandeessisuudha. Tooftaan Jechdarbii hatuu kun tooftaalee adda addaatti dhimma bahuun waan barbaadan akka argatan taasisa. Isaan keessaa: Jechdarbii sana tilmaamuudhaan irra gahuu ykn jechoota […]
Odeessi Waashingiton Post ifoomse akka jedhutti oduuwwan sobaa hedduumachaa dhufuun ibsamee, rakkoolee kana hiddaan buqqisuuf dhaabbaatichi Twitter eenyummeessaa(Account) sobaa miliyoonotaan lakkaawamu ugguruu(cufuu) ifoomseera. Ji’oota darban muraasa keessatti qorannoon dhaabbatichi gaggeesse akka agarsiisutti Eenyummeessaawwan adda addaa Odeeffannoo sobaa hanga Mil. 70 ol tahan tamsaasaniiran tahuun kan irra gahame tahuu ibsameera. Haaluma kanaan Eenyummeessaa tamsaasa oduu sobaa […]
Yeroo ammaa ummanni keenya hedduun eenyummeessaa Feesbuukii banachuu ykn baafachuudhaan tajaajiloota adda addaatiif itti dhimma bahaa jiru. kanneen keessaa muraasni: ~ Firaaf Maatii isaanii addunyaa garagaraa jiraataniin walqunnamuuf(Haasaa keessootiin – inbox, Haasaa Sagalee ykn Suursagaleetiin-sound or video call)dhaan. ~ Daldalaafi beeksisa daldalaatiif ~ Barumsaa kennuufi argachuuf ~ Gareedhaan gurmaayuufi gurmeessuuf(garee siyaasaa, kan amantii, kan sanyiifikkf…) […]
Feesbuukiin marsaalee qunnamtii hawaasaa keessaa isa beekkamaadha. Yeroo gabaabaa keessatti beekkamtii olaanaafi hordoftoota hedduu horate. Fayyadamtoota guyyaa guyyaan dabalaa deeman horatee jira, yeroo ammaa hordoftoota ka’aa(Active users) hanga biliyoona 2.19 horachuu odeeffannoon marsariitii dhaabbatichaa ni agarsiisa. Haalli kun dhaabbatichi dhaabbilee gurguddoo addunyaa keessaa toora duraarratti akka hiriiru taasisee jira. Tajaajila dhaabbanni guddaan addunyaa kennu […]
Barnoota keenya Hanna Koompitaraa kutaa 4ffaa keessatti Meeshaalee bebbeekkamoo hanna koompitaraa ofirraa ittisuuf tajaajiluuufi Hanna sirna Koompitaraa ykn cimdaa raawwachuuf gargaaran baldhinaan ilaalla. NMAP – Akeektuu Cimdaa(Network Mapper) jechuudha. Innis Mi’a bilisaan(Free) argamuu danda’uufi Sirna Ittisaafi gahiinsa cimdaa faana dhahuuf baldhinaan kan dhimma itti bahuun danda’amuudha. Meeshaa kan too’attootni Sirna Cimdaa dhuunfaa ykn dhaabbilee adda […]
Hanna koompitaraa keessatti jechootni yeroo heddu dhimma itti baanu hedduu tahanis; Jechootni hanna koompitaraa keessaa muraasni: ~ Mosdhaa ykn Mosajjii dhaadhessaa(Adware) – Mosajjii bifa beeksisaa fakkaatee namatti ergamuudhaan, namni barbaadame sun yoo beeksisa sana cuqaase ykn tuqe odeeffannoo nama sanaa qaama 3ffaaf erguuf kan fayyaduudha. ~ Faaluu(Attack) – Kunis tooftaa ykn haala sirna(system) barbaadame […]
Faayidaalee hanna Koompitaraa irratti bobbahuu Hanni koompitaraa ulaagaalee asiin gadiirratti hundoofnaan baay’ee barbaachisaadha. Isaan keessaa muraasni: ~ Odeeffannoo ykn deetaa nu jalaa bade deeffachuuf nu gargaara, keessattuu yoo Jechadarbii(Password) irraanfanneef. ~ Yaalii diramaan cabsuu kan Of-eeggannoo nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo mirkaneessuuf taasifamu. ~ Tarkaanfii baba ittisa dhuunfaa ykn dhaabbata keenna eeggachuuf godhamu mirkaneeffachuuf. ~ […]
Hanni koompitaraa(hacking) hubannoo namootaarratti hundaayuun hiikkaa gargar kan qabuufi mataduree baldhaadha. Yeroo jalqabaatiif ta’iin hannaa bara 1960 iddoo MIT jedhamutti yoo ta’u maqaan hatticha(hacker) jedhamus yoosana uumame. Haaluma kanaan barreeffama keenya hardhaa keessatti, Hubannoo hanna koompitaraa seerawaa(Ethical hacking), yoom, eessaafi akkamitti akka itti dhimma baanu gadi fageenyaan ilaalla. Hanni yaalii sirna koompitaraa ykn cimdaa koompitaraa […]