Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Tooftaa Jechdarbii(Password) nama biroo ittiin hatan(How to crack a password) | Hanna Seerawaa(Ethical Hacking)


Jechdarbii hatuu jechuun adeemsa daangaa ykn sirna(system) nuuf hin hayyamamne seenuuf yaalii taasifamuufi fakkeessanii fayyadamuuti. Gara biraatiinimmoo, Aartii yaaliidhaan jechdarbii tokko hayyama malee argachuudhaan sirna(system) nuuf hin hayyamamin akka fayyadamnu nu dandeessisuudha.

Tooftaan Jechdarbii hatuu kun tooftaalee adda addaatti dhimma bahuun waan barbaadan akka argatan taasisa. Isaan keessaa:
Jechdarbii sana tilmaamuudhaan irra gahuu ykn jechoota tarreeffaman garagaraa yaaluun milkaayuu dabalata.

Dhoobbii keenya kana keessatti, Maloota beekkamoo Jechdarbii hatuuf oolaniifi Jecha darbii keenya kana akkamitti hannarraa eegganna waan jedhurratti baldhinaan mari’anna. – Hub: Dhoobbiin kun Barnootaaf qofa oola.

Akka Seera itti fayyadama Jechadarbii tokkootti:
1) Hedduuminni Jecha darbii tokko meeqa?
Jechadarbii(Password) tokko akka qaama biraatiin hin hatamne ofeeggannoo godhamu keessaa tokko baay’ina barbaachisu beekuudha. Kanuma bu’uureffachuudhaan, Jechidarbii tokko ulaagaan guutuu qabu kanneen armaan gadiiti:
~ Hedduumina – Jechi darbiitokko hedduumina meeqa akka qabaatu beekuu, akka yeroo ammaatti giddugaleessaan yoo xiqqaate, jechidarbii tokko hedduumina lakkoofsa 8 qabaachuu qaba.

~ Xaxaa(Complex) – Jechi darbii tokko xaxamaa tahuu irraa kan ka’e yoo xiqqaate qindoomina ykn makama qubeelee, lakkoofsotaafi mallattooleeti.




~ Salphatti kan hin tilmaamamne. Jechi darbii keenya nama faallaa keenya ykn hattootaan salphatti tilmaamamuu kan hin dandeenne tahuu qaba.

Haaluma kanaan Jecha darbii tokko:
Baay’ee salphaa

Salphaa




Jabaa

Jechidarbii lakkoofsaan heddu tahan filatamaadha. Jechidarbii jabaan yeroo hedduu tooftaa icciitessuu(encription) kan dabalatu waan taheef sirni(system) heddu haala kanaan ijaarama.

Fakkeenya jechdarbii icciitawaa

Erga hanga kana ilaallee booda, Tooftaaleen jechadarbii nama tokkoo hatuun danda’amuun maaliidha yoo jenne, #Tatiibota armaan gadii hordofaa….

a) Akeeka Galmee jechootaa(Dictionaary Attacks) – Tooftaan kun Jechoota tarreeffaman tokko fudhannee jecha darbii hatuu barbaadnu sanaatiin walmadaalchisaa deemuudha.

b) Akeeka Humnaan Dirqisiisuu(Brute Force attacks) – Malli kun akeeka Galmee jechootaan kan walfakkaatu tahee, Algoorizimii walitti makiinsa Qubeeleefi lakkoofsotaa, akkasumas mallatoolee walitti makuudhaan jecha darbii barbaadnu argachuuf yaalii godhamuudha. Fkn: Jechi darbii -‘ Password’ tahe tokko akka ‘P@ssword’ bakka bu’uu danda’a.




 

c) Akeeka Gabatee walfakkaateessuu(Rainbow table attack) – Malli kun tooftaa dura koompitararra kaawame walfakkeessuudha. Fkn: Dursinee yoo koompitara irratti kuusdeetaa irraa jechoadarbii md5 dhaan kuufame tahe, Jecha darbii bifa kana qabu tokko gabateerratti uumnee walcinaaqabuudhaan walmadaalchicfna, hanga inni sirrii ykn walfakkaatu argamutti. Inni walfakkaatu yeroo argamu, Eenyummeessaa osoo nuuf hin hayyamamin seenuu barbaadnu sana fayyadamuun salphaa taha.

 

d) Tilmaama(Guess) – Tooftaan kun tooftaa tilmaamuuti. Jechidarbii akkasii kun kan jalqaba ofumaan uumamu(default password) fkn: paassword, admin, etc. Kana malees, Jechi darbii eenyummeessaa barbaadnu tokkoo kana ykn sana tahuu hin oolu isa jennu maqaa eenyummeessichaa irraa hanga lakkoofsa bilbila nama sanaatti yaaluu fa’a dabalata.

 




e) Saaphaphummaa(Spidering) – Dhaabbilee hedduu, jecha darbii yeroo moggaafatu odeeffannoo maqaalee dhaabbata isaanii ibsu ofitti maxxansuu ykn guutumaanguututti odeeffannoo akka maqaa dhaabbata isaanii fayyadamu. Odeeffannoon kunneen Marsariitii(website), fuulota marsaalee hawaasaa isaaniirratti salphumatti odeeffannooolee argamu fayyadamu. Haaluma kanaan, Saaphaphummaan – odeeffannoolee kanneen iddoolee adda addaatii walitti sassaabee garee jechootaa uumuu dhaan, jechoota kanneen tokko tokkoon ykn walitti makuun yaalii godhee jecha darbii argatu.


Kutaan itti aanu, Mi’a(Tools) hanna jechoota darbiitiif nu gargaaru dhiyeessina.


#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa

OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: Gorsa ICT  www.oroict.com
Barnoota Afaan Oromootiif :www.afaan-oromoo.com
Gita Hojii Banaatiif: www.hojii.net
Gorsa Fayyaatiif: https://fayyaa.afaan-oromoo.com/




Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *