Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

INTARNEETII IRRATTI OF-EEGGANNOOF BEEKKUMSA BARBAACHISU


Kutaa 2ffaa – SHARE – Ferhan Abdulselam

Haakiingi (Hacking): 
Sooftweerii ykn haardweerii kompiyuutara tokkoo jallisuudhaan kaayyoo kompiyuutarichi tolfameefiin ala kaayyoo biraa ittiin geggeessuu jechuudha. Kunis laafina siistama kompiyuutara tokkoo ykn neetworkiin tokko qabu (qaawa laafaa) adda baasuun laafina ykn dadhabina isaatti fayyadamanii keessa seenuu jechuudha. Haakiingi jechuun salphumatti hanna bifa virtual taheen adermsifamu jechuu dandeenya. Odeeffannoo nama dhuunfaa, ykn jaarmaya tokkoo keessa seenanii funaannachuu dha. 

Gosoota Haakarootaa:

* Cracker: Warra hayyama namaatiin ala computer namaa seenee odeeffannoo hatu
* Ethical Hacker: Laafinna siitama kompiyuutaraa hiikuuf warra haak godhan. Isaan kun seekuriitii kompiyuutaraa cimsuufuuf godhu
* Hacktivist : Warra website namaa cabsuun/hijack godhuun ergaa isaanii achirratti maxxansan
* Phreaker: Warra bilbila hack godhan fkf akka bilbila ijoolleen biyyatti hack godhanii tolaa akka bilbilamu godhan

Jarri kun hundi dadhabina system sanii barbaaduun cabsan jechuudha.

Karaa kamiin fayyadamanii computer namaa seenuu danda’u?

* Public Wi-fi ( wifi banaa/tolaa kan ummataa) yeroo fayyadamnu of eggannoo barbaachisu

Tooftaa Haakaroonni fayyadaman keessaa tokko man-in-the-middle (MITM) jedhama. Public wifi kun encrypted waan hin tahiniif, Haakarri WIFI kana fayyadamaa jiruu fi meeshaan ati WIFI sanitti connect gootee fayyadamaa jirtu walitti hidhaa waan jiraniif yoo meeshaan kee secured/password hin qabaanne tahe, salphaatti seenuu dandaya. Haakaroonni akkanaa ammas sii fi networkii ati fayyadamaa jirtu kana jidduu seenee odeeffannoo ati dabarsaa jirtu jidduu kanatti qabachuu dandaya. Kuni email tahuu dandaya, password tahuu dandaya waan ati WIFI san fayyadamtee internet irratti godhaa jirtu kamuu jechuu dandeenya.

WIFI ummataa kana secured hin taane kana fayyadamuun, malware adda addaa computer ati fayyadamaa jirtutti erguu dandaya. Namoonni hubannoo haakiingii hin qabne computer isaanii irratti file-sharing hayyamu. Gaafa kana argate, salphumatti malware gosa barbaade computer keetitti erga jechuudha. Hacker cimaa yoo tahe connection san xalafee hoggasuma pop-up window sitti ergee software kana upgrade godhi jedhee si gaafata. Yeroo kana hubachuu dhabuu malta. Nagayuma seetee yeroo ati upgrade godha jettee permission/ hayyama computer keetii kennite kan install tahu spyware tahuu dandaya.

Public Wi-fi yeroo fayyadamnu karaa VPN fayyadamuun akka haakarootaaf hin saaxilamne nu fayyada.

VPN hubachuuf: https://www.facebook.com/photo.php?fbid=10213547953327493&set=pb.1662034707.-2207520000.1515865896.&type=3&theater

VPN Download godhuuf: https://www.facebook.com/photo.php?fbid=10213671339972082&set=a.2285031899569.2121081.1662034707&type=1&theater

Malware maali?

Malware (malicious software) sooftiweerii computer namaa keessaa waa hatuuf, ykn balleessuuf Hacker itti fayyadamu jechuudha. Isaan kun hedduu dha keessaa kan irra hamaa tahan sii hima

* spyware: Akkuma maqaa isaarraa hubannu sooftiweera waa basaasu jechuudha. Odeeffannoo kee hordofaa qaama biraatti dabarsa. Akkasumas setting antivirus haa tahuu security ati fayyadamtuu fooyyessuu akka waan fedhe godhuuf mijeeffata.

* Trojan horses: file/program sirrii fakkaatee dhufa akka ati download gootuuf. Isa takka install goonaan computer si caala nama Trojan sitti ergetu harkaa qaba jechuun ni dandayama. Waan ati achirratti gootu kamuu gochuu dandaya. Screen computer keetii daaw’achaa. Kuni hedduu hamaadha. Kanaaf namni hin beeynet yeroo antivirus kee trojan arge jedhu hin rifatu waan inni dalagu waan hin beekneef.

* Viruses: Malware yeroo seene daddafee ofumaa of baay’isuun copy of godhee babaldhata. Computer adda addaatti dabruu danda’a saffisaan. Inni kun irra caalaatti computer namaa balleessuuf fayyadamu . Inni kun yoo file isaa download tahee yoo itti hin bu’amne ofiin of hin hojjachiisu. Tuqaa/run gochuu barbaada. Haa tahuu garuu odeeffannoos hatuuf itti dhimma bahu

* Worms – Kuni akkuma virus tahee networkii irratti miidhaa fida. Kuni osoo namni hin tuqne ofumaa of ajaja. Virus garuu sochoosuu ykn tuquu barbaachisa hojjachuuf. Isa kana kan yeroo hedduu email keessatti namatti ergamu. Download goonaan san booda inni hojii isaa eegale tuqaa hin eegu.

* Rootkits – Inni kun isa irra hamaati. Inni kun computer kee bakka biraa taa’anii hordofu osoo antivirus kee hin qabne. Kunis takka seennaan akka jirutti system computer waan dhuunfatuuf, keessaa baasuun rakkoo rakkisaadha.

Akkam taha yeroo Malware/virus computer seenu

* Parsanteejiin fayyadama CPU kompiyuutaraa haala malee ol ka’uu
* Saffisa kompiyuutaraa laaffisuu
* Rakkoo neetworkii godhachuu
* Jidduutti dhaabatee socho’uu diduu
* Faayiloota irratti jijjiirama ati quba hin qabne geessisuu ykn haquu
* Desktop irratti mallattoolee ati amma dura hin argin heddummeessuu
* Softiweeriin tokko tokko ofumaa banamee ofumaa cufamuu
* Ativaayrasa cufamuu
* Iimeelii ati quba hin qabne gara hiriyoota keetitti erguu

Of eeguuf:

– Sharing hayyamuu dhabuu
– Public WIFI secured hin taane dhiisuun ykn VPN fayyadamuu
– Antivirus qabaachuu fi yeroo yerootti update gochuu

Jarjaraan waan barreesseef dogongora qubeetiif na hofkolchaa! Kaayyoon guddaan hubannoo warra hin qabneef hubannoo kennuudha.

Barnootni intarneeta irratti of eeggannoof barbaachisoo tahan itti fufa…

Copy/paste godhuu irra SHARE yoo gootan akka namni kutaa itti aanu fb kiyya irraa argatu gargaara.

 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *