Beeksisa Waldorgommii Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Maamiltootni keenya Hattoota irraa ofeeggadhaa jedha – Ethiotelecom.

********************************************************************
Maamiltootni tokko tokko kaardii akuma guutataniin nujalaa fudhatamaa waan jiruuf itti fayyadamuu hin dandeenye jechuudhaan himata dhiyeeffatani irraa ka'uudhaan dhaabbatichi, himata dhiyaate mirkaneeffachuuf yaalii taasiseen, Namootni ykn gareen Hattootaa hanna irratti bobba'an tajaajila Ethio-gabataa(*999#) fakkeessuun dhaan karaa adda addaatiin akka ummanni itti fayyadamu godhuudhaan Maamiltoota keenyarratti gocha seeraan alaa raawwachaa jiraachuu irra geenyee jirra jedha dhaabbatichi. 

Gocha seeraan alaa kanas ittisuuf dhaabbatichi hojii heddu hojjachaa akka jiru ibsuudhaan Ummanni Tooftaalee asii gadii kanneen hattootni fayyadamuudhaan ummata sobanii kaardii keessan isin jalaa saamaa jiran beektanii akka irraa of-eegdan akeekkachiisaa tooftaaleen kunneenis isaan armaan gadiiti.

1) - Marsaalee Hawaasaa adda addaarratti barreeffamoota akka "Gara Tajaajila Ithiyoo-Gabataadhaan(*999#) INTERNEETA BILISAAN akka isiniif hojjatuuf gochuuf ykn Paakeejii(galaa) Inteneeta Bilisaa argachuuf" jechuudhaan "gara *999*1*2*2*1*1*91xxxxxx*1# barreessuudhaan bilbilaa ykn በኢትዮ ገበታ *999# አማካኝነት “ኢንተርኔት በነፃ እንዲሰራላችሁ” እንዲሁም “የኢንተርኔት ጥቅል በነፃ ተጠቀሙ” በሚል ወደ *999*1*2*2*1*1*91xxxxxx*1# ደውሉ" isa jedhu haala adda addaatiin tamsaasuudhaan ummata irraa mallaqa saamaa kan jiraniifi tooftaan kun sobaafi tooftaa hannaa tahuu beekee ummanni keenyairraa ofeeguu qaba.


2) - Fayyadamaa Mobile(Mobile App) Google Play Store irraa kaayuudhaan, Fayyadamaa kana yoo fayyadamne tajaajila Ethiotelecom akka waan gatii gadibu'aadhaan ykn tola fayyadamanii fakkeessuudhan gocha seeraan alaa kana raawwachaa jiru. Fayyadamaa akkasii kan Interneetarraa buufnee yeroo fayyadamnu mallaqa keessan isin irraa kutee aka bilbila isaaniirratti ergu kan godhame waan ta'eef haala kanaan ummata keenyarratti gocha seeraan alaa raawwachaa jiru waan taheef ofeeggannoo gochutu nubarbaachisa.

3) - VPN(virtual private Network) bilisaa interneetarraa buufattanii yeroo itti fayyadamtan 'Tajaajila Interneetaa bilisaan argattu' waan itti-aanee jiru kana tuqaa jechuudhaan waan akka suuraa muldhatu akka tuqxan ajajuudhaan yoo tuqxan mallaqni keessan isin irraa citee akka gara isaanii ykn bilbilasaaniirratti akka darbu gochuudhaan gochaseeraan alaa hojjachaa jiru waan taheef ofeeggannoon cimaan akka barbaachisu eeramee jira.

 


HORAA BULAA DEEBANAA

Afaan Oomo Online | OROMO ICT
<<Kaayyoon keenya huannoo hawaasakeenyaa cisuudha!>>
Cell: +251904432625 /+251910130926 
Email: oromoict@gmail.com or info@oroict.com or contact@oroict.com
Web: www.oroict.com - Gorsa ICT
: www.afan-oromoo.com - Afaan Oromoo
: www.hojii.net - Beeksisa Hojii
: https://fayyaa.afaan-oromoo.com - Gorsa Ogeeyyii Fayyaa.

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Gadawbooromo
    January 30, 2019

    Galatooma

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *