Marsaalee Ammee

Magaalaa Finfinneetiin ala, Mootummaan Tajaajila Interneetaa Kukkutuun maaliif?


Magaalaa Finfinneetiin ala, Mootummaan Tajaajila Interneetaa Kukkutuun maaliif?

Torbaanota darban kan tajaajilli Interneetaa Magaalaa finfinneetiin ala adda citeera. Tajaajilli Interneeta Mobile Itoopiyaa keessatti gara lakkoofsa icciitii – ItiyooTelekoom dhaan ummataaf raabsama. Dargaggoonni karaa yoo cufan – Interneetiin ni cufama, Kakaastotni(Activits) yoo jabaatan ykn ciman – Interneetiin ni cufama, Barattootni yoo mufatan – Interneetiin ni cufama, Qilleensillee yoo hin bareedni – Interneetiin ni cufama. Tajaajila interneetaa osoo hin taane, Wardiyyaa Abbaa dubbii kan tajaajilicha dhiyeessutu taphataan. Daqiiqaadhaan bana daqiiqaadhaan cufa.

Teeleen tajaajila Interneeta mobile kana yoo nuuf dhiyeessu yoo barbaade akka cufu ykn yeroo barbaadetti akka banu walii galteen qabnu hin jiru. Kan kana hin hubatin dhaabbanni Addunyaa – Meetii badhaaseera.

Dhugumatti, tajaajilli akkanaa kun biyya Itoopiyaa tana keessatti irra deddeebiidhaan kan ta’u waan ta’eef Aadaa mootummaan Itoopiyaa ittiin ibsamu ta’eera. Ta’us, Mootummaan sobaan kakachaa bulchus, Dhiyeennuma kana Dubbi Himaan Mootummaa federaalaa ‘Rakkoon fedheyyuu yoo uumame kana booda rakkoon tajaajilli Interneetaa addaan ciccituu akka hin uumamne ibsuun ni yaadatama.

Amanuu dadhabnus, qabataan haalli jiru faallaa kanaa ta’ee hafeera. Kanaafuu, Dubbi himaan Mootummaa bakka bu’ee waadaa seenullee Waadaan seename diigameera.
Yeroo amma, Magaalaa Finfinneetiin alatti, guutuma biyyatti jechuun kan danda’u Tajaajilli Interneetaa addaan citeera.
Dhimmicha fageessinee hin ilaallu, Tajaajila kana hedatee abbaan qabeenyaa, dhuunfaan ykn dhaabbanni tajaajila Investimantii ykn daldala irratti bobba’e mallaqa isaa dhangaalee hojjachaa jiru hundi Rakkoo qaamni itti gaafatamummaa fudhatu hin jirre kanaaf saaxilameera, murtii kanaaf miidhameera.

Kan biraa hafee, Feesbuukiidhaan hiriyyootnifi maamilootni walargachuuf ykn tajaajila walqunnamtiif fayyadaman addaan citaniiru, akkasumas dhaabbileefi maamiltootni daldalaa gama kanaan tajaajilamaa turans rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Osoo hin barbaadin gara bara tajaajila Poostaa ture sanatti deebi’uuf. Bilbila keenyaan Ergaa Elektroonikii(e-mail) waliif erguu hin dandeennu.
Bara ammayyaawaa kana keessatti tajaajille bilbila keennaa hanga Bilbila haadaa ykn bilbila manaa ta;ee hafeera. Of duubatti deebinneerra. Jette jetteedha jennee mormachuu irra baqachuu filanneerra. Wantootni sirrii hin taane akka hin raawwatamne gochuu irra kan raawwatame akka hin dhageenne ta’uun keenya gatii guddaa nu baasisaa jira.


Maddi DireTube
Kan Hiike OROMO ICT

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *