Barnoota Adda Addaa Daldala Toorarraa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa Yuutuubii

Sababoota Ijoo Sirbootni/Suursagaleen tokko Ilaalcha(views) hedduuminnaan akka hin arganne godhaniifi Kallattii Furmaataa

Baroota Dheeraadhaaf Muuziqaa/Fiilmii/Diraamaafikkf irratti Mooraan Aartii Oromoo Komiiwwan adda addaa dhiyeessaa tureera. Komiin kunis Ummatni keenya Yuutuubii irraa hojii keenya hin ilaalu, Views keenya xiqqaa dha waan taheef hojii keenyarraa Galiin argannu baay’ee gadi bu’aafi kkf dhiyaachaa turaniiru.

Komii kanarraa kaanee yeroo dheeraaf Qorannoolee adda addaa gaggeessinee turre bu’uura gochachuun, #Hojiin Hubannoo cimsuu dirqama tahee waan argameef, bifa armaan gadiitiin isiniif dhiyeessineerra.

Mee Fagoo deemnee jechoota haaraa fi qorannoolee adda addaa walitti himuu keenya dura, #Xiinxala Gabaabaa Muuziqaalee lamaan kana irratti godhame isiniif ibsa.
Sirbootni kunneen lameen sirboota yeroo ammaa(tokko ji’oota 4 dura kaan ammoo ji’oota lama dura gadi-lakkifaman tahus, inni keenyaa(Afaan Oromoo hamma ilaallamuu qabu hin ilaalamne, akkasiinuuu Muuziqaalee Afaan Oromoo ilaalcha(views) gaarii qaban keessatti ramadama. Garuu warra kaan waliin waldorgomsiisuu hin danda’amu.

Kanaaf ammoo rakkoon ijoon, Bakka(channel) hordoftoota hin qabnetti gadi lakkifamee miti, Qulqullinni hojichaa gadi-bu’ees miti, Namootni sirboota Afaan Oromoo ilaalan xiqqaachuus miti. Rakkoon ijoon

#Qaamota(Garee/Chaanaalota/Namoota Gadi-lakkisan) bira jiraachuu Xiinxala adda addaa tooftaalee Adda addaatiin gooneen mirkaneessineerra.

Haaluma kanaan #Xiinxala keenya hardhaatiif, Qabxiilee 3n Suuraa irratti tarreeffaman ilaalla:
1ffaa) – Hanqina Jechoota Eertuu/Akeektuu(Lack of Keywords)
Jechootni Eertuun/Akeektuu(Keywords) – Jechoota baay’ee murteessoo kan tahaniifi hojiin namni kamuu hojjatu gosa gosaan kan itti suuqaman/jalatti ramadaman, tahee hojii sana ramaddii walfakkaataa/walitti dhiyaatu jalatti ramaduu, Addunyaa tana guutuu irraa namootni adda addaa gosa hojii walfakkaatuu yeroo barbaadu(akka fakkeenya kanaatti, Namootni Afaan kamuu dubbatu, biyya kamuu jiru,…
Yuutuubii irraa sirba yoo barbaadu haala salphaan sirbi kun dafee akka muldhatu taasisa. Kanaafuu barbaacha Yuutuubii(Youtube Search) irratti jalqabarratti akka muldhatu waan taasisuuf, Sirbi/Muuziqaan/Suursagaleen sun namoota baay’een kanneen Afaan beekaniif hin beekneenis akka ilaallamu, kuni ilaalcha(views) baay’ee horachuuf shoora sadarkaa olaanaan kan taphatuudha.

Kanarraa kaanee yoo ilaalle, Suursagalee/video Afaan Oromoo(Sirba Guutuu) kun #JechootaAkeektuu(Keywords) 3 qofa kan qabuu fi isaan keessaa kan Yuutuubii irratti barbaadamee sadarkaa ramadii argate 1 qofa.

Kanaafuu, #Sirba Guutuu Abarraa Namoota sirbicha beekani ykn Maqaa itti Galachanii barbaadan(Searching by Name) qofatu daa’ate malee Ummatni Addunyaa Guyyatti jechoota adda addaa fayyadamuudhaan Yuutuubii irra barbaadachaa sirboota dhageeffachaa turan arganii dhageeffachuuf carraa hin arganne.

Suursagalee/video Afaan Amaaraa(Sirba Dishtaa Giinaa) kun ammoo Jechoota Eertuu/Akeektuu(Keywords) 24 fayyadaman keessaa 20n kanneen barbaachaaf hojiirra oolan tahuurraa jalqabarrattyi akka muldhatuuf shoora olaanaa taphateera.

Hub: Jechootni Eertuun/Akeektuu(Keywords) kunneen akkuma hojii keenyaatiin gara gara tahus jechoota tilmaamaan nuti hojii keenya irratti-suuquuf/keessatti ramaduuf fayyadamnuudha. Fkn: Ramaddii Muuziqaa keessatti Jechootni Eertuu/Akeektuu(Keywords) nuti hojii keenya ittiin ibsinu; Yuutuubii irraa Namni Muuziqaa dhageeffachuu barbaadu jechoota gaggabaa akkamiitiin fayyadamee barbaaduu danda’a kan jedhu tilmaamuu qabna, Jechoota namootni baay’een yeroo adda addaa fayyadamanii muuziqaa dhageeffachuuf itti-fayyadaman tilmaamuudhaan hojii keenya itti-suuquu qabna.

Yuutuubiin Jechoota Eertuu/Akeektuu(Keywords) 500 qofa kan hayyamu waan taheef, Jechoota akeektuu dha jennee yaadne kanneen hojii keenya ibsan fayyadamuudhaan hanga jechoota 500 irratti-hidhuu/galchuu dandeenya.

Fkn: Namni Muuziqaa Afaan Oromo kana(Gutu Abarra) maxxanse kun Iyyaatoowwan(Tags) keessatti Jechoota Akeektuu(keywords) akka:
ethiopian music,oromo music, sirba afaan oromoo, sirba afaan oromoo haaraa, sirba bareedaa, sirba haaraa bara 2021, new ethiopian music,ethiopian music 2021, oromo music 2021,new ethiopian music 2021,Gutu Abera,gutuabera,best music,Hawanawa,Best Oromo music,ethiopian new song,new aAfaan Oromo song,new afaan Oromo song 2021,new ethiopian music 2021 this week,afaan oromo music mp3,ethiopian music mp3,ethiopian music mp3 download,oromo music,ethiopian movies, oromia movies,afaan oromo movies,new ethiopian film,ethiopian,oromo fikkf

Best YouTube Tags for Gaming, Music & Movies - How To Find & Choose?

Namootni sirboota Adda addaa dhageeffachuuf yuutuubii irra yoo barbaadan jechoota akeektuu(keywords) muraasa gubbatti tarreessine kanneenii fi kanneen biroo fayyadamaniiti sirboota kan barbaadan waan taheef, jechoota kanneen bifa kanaan iyyaattoo(tags) keessaa keenyee itti hiineerra taanaan, namni kamuu, biyya kamuu irraa jechoota kanneen galchee yeroo barbaadu sirbi kun durarratti akka dhufuuf waan taasisuuf carraan sirbichi ilaallamuudhaan ilaalcha(views) hedduu horachuuf qabu dachaa oliin kan dabaluudha.

3 Tips for Better, Faster YouTube Keyword Research | WordStream

Kanaafuu Sirbichi Ilaalcha(views) baay’ee akka hin arganneef rakkoon ijoon hanqina Jechoota Akeektuu(keywords) akka tahe jaamaanillee tilmaamuun salphaadha.

Barnoota keenya itti Aanuun, Qabxii 2ffaa(ijoo biraa) Suursagaleen keenya hordoftoota hedduu akka qabaatuuf shoora olaanaa qaban kan isiniif ibsinu taha.

#like, #share ykn #comment gochuun waliif dabarsaa, Namootni keenya hubannoo akka cimsatan deeggaraa

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *