Eenyummeessaa Feesbuukii(account) keessan yoo Jechi-darbii(password) irraanfattan ykn Namni isin jalaa jijjiirate, Eenummeessaa keessan Jechi-darbii(password) fi T.Ergaa(E-Mail) banattaniinillee yoo argachuu hin dandeenye deebifachuu ni dandeessu
Kisaaraan yakka Saayibariitiin Afrikaa irra gahe bara 2017 Doolara Ameerikaa Bil. 3.5tti kan tilmaamu yoo tahu, Ka’umsa bara 2016 ammoo yoo xiqqaate Biyyootni Afrikaa Doolara Bil.2 ol dhabuutu himame.
Bara 2017 irraa kaasee Afaan Oromoo afaan hojii dhaabbata guddaa Idil-Addunyaa, Feesbuukii akka tahu gaaffii hayyootni Oromoo gaafataniin kan eegale, Hiikkaan Feesbuukii Afaan Oromoo yeroo ammaa dhibbeentaa 92(92%) irra kan jiru tahus, Afaan Oromoo yeroo ammaa tajaajila hiikkaa Afaanota hojii Feesbuukii kennuu jalqabe.
Haasaa jibbiinsaa fi oduu sobaa tamsaasuun nama dhuunfaa yookiin garee irratti haleellaan akka raawwatamu yookin yaalamu taasise hidhaa cimaa hanga waggaa shanii gahuun adabama jedha wixineen labsii har’a irratti mari’atame.
Beeksisoota guutuu addunyaa irratti tatamsa’an kanneen qabiyyee siyyaasaa of keessaa qaban irratti dhorkaa kaa’uuf akka ta’e Googiliin
Marsaalee Hawaasummaa irratti namootni dhiibbaa uumuun beekkamman Waggoottan Muraasa Darban kana keessatti Galiin isaanii haala nama ajaaibsiisuun dabalaa dhufuu Gabaasni bahe tokko agarsiiseera.
Namni karaa bilbilashee hordofamaa, basaasamaa turte Eemii jedhamti. Abbaan manaashee odeeffannoo waa’ee hiriyootashee gadi fageenyaan itti himuu wayita inni eegalu seenaan kun hundi raawwatamaa turuusaa hubachuu eegalte.
Akkuma YuuTuubii, Fuula Feesbuukii irraa GALII argachuun ni dandeessu. #Tartiiba isaa daqiiqaa muraasa booda oroict.com irratti eeggadhaa.
Ruwaandatti Gareen Maaraa (Mara Group) jedhamu Qafoowwan bilbila ammayyaawaa gosa lama ‘Mara X’ fi ‘Mara Z’ jedhamu Wixata kaleessaa Baname, Qafoo jalqabaa ‘Made in Africa’ yeroo jalqabaatiif Afrikatti oomishames jedhameera.
Tooftaa karaa Ergaa Gabaabaa(SMS by short code)tiin #Ethiotelecom Ummata keenya saamuu ittuma fufee jira. Ofeeggannoo guchuu qaba hawaasni