Daldala Toorarraa Hanna Feesbuukii Hanna Interneetaa Hanna Koompitaraa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Rakkoolee Qinqaanii

Eenyummeessaa Feesbuukii(account) Jecha-darbii yoo irraanfattan ykn hatamee jijjiirame, Jechi-darbii(password) fi T.Ergaa(E-Mail) banattaniin yoo isin jalaa jijjiirame akkaataa itti deebifattan

Gaaffii Namoota Hedduu irraa yeroo adda addaatti nutti ergamaa jiru ilaalchifnee
Fayyadamtoota Feesbuukii yeroo adda addaatti rakkoolee adda addaa isaan mudatuun Eenyummeessaa(account) isaanii hanga guutumatti jalaa cufamuu ykn qaabni biraa jalaa itti-fayyadamuufi Jecha-darbii irraanfachuudhaan itti fayyadamuu dadhabuun kanneen ijoodha, keessaahuu Fayyadamtootni Hordoftoota heddu horatanii hojiilee sabaaf tahu, dhuunfaaf tahu dabalatee hanga hojiilee daldalaa irratti gaggeeffatan eeruun ni danda’ama.

Eenyummeessaa Feesbuukii(account) keessan Rakkoolee asii gadii kun yoo isin mudate salphaatti deebiftanii argachuuf, Tartiiba eeraman kana dubbisaa:
1) Jechi-darbii(password) yoo isin jalaa jijjiirame
2) T.Ergaa(E-Mail) banattaniin yoo argachuu hin dandeenye
3) Jechi-darbii(password) fi T.Ergaa(E-Mail) banattaniin yoo isin jalaa jijjiirame
Tartiibni 3ffaan tooftaalee lama qaba 
3.1) Tooftaa 1ffaa fi
3.2 Tooftaa 2ffaa qaba
4)Guduunfaa





1) Jechi-darbii(password) yoo isin jalaa jijjiirame

Gocha hanna hanna koompitaraa keessatti Jecha-darbii(password) jijjiiruun baratamaadha. Kunis irra-caalaan adeemsa hanna koompiraa(hacking) kan raawwatamu jecha-darbii(password) jijjiiruudhaan waan tahee. Eenyummeessaan Feesbuukiitis haaluma kanaan hatama.

Kun ammoo abbaan eenyummeessaa sanaa saaqee seenuu akka hin dandeenye godha, Eenyummeessaa sana dhabuun achirraa dhufa.
Rakkoon hanna Jijjiiramuu Jecha-darbiitiin dhufu kun kanneen birootiin yoo walmadaalchifnu hangam tokko salphaa waan taheef Abbaan Eenyummeessaan jalaa hatame salphatti deebifachuu waan danda’uuf tartiiba asiin gadii kana hordofuu qaba:

Yeroo tokko tokko

I. Jechi-darbii(password) yoo isin jalaa jijjiirame ykn irraanfattan ykn hatame:

1) Filannoo fuula Feesbuukii irra jirurraa Jecha-darbii Irraanfadhe isa jedhu filattu

Image result for facebook forgot password

2) Fuula ittaanurratti Maqduree(username), T.Ergaa(email) ykn lakkoofsa bilbilaa Eenyummeessaan keessan ittiin banameen itti galchitanii akka barbaaddan isin gaafata,

Jechi-darbii(password)

3) Isin kan barbaaddan itti galchitanii yoo akka barbaadu ajajjan, Barbaacha booda Maqaa Eenyummeessaa keessaniifi kan walfakkaatu isiniif tarreessa. Eenyummeessa keessan(Suuraa Fuulgocha keessanii ilaaltanii) keessaa filachuu qabdu. Itti-aansitaniis, Ittifufi(Continue) isa jedhu cuqaastu…

Jechi-darbii(password)
4) Lakkaddaan irra-deebi’iinsaa(recovery code) lakkoofsa bilbilaa ykn T.Ergaa(Email) keessanitti isiniif ergame akka guuttan isin gaafata. Lakkoofsa digiitii 6 qabu isiniif ergame galchuudhaan Ittifufi(Continue) cuqaasaa…

Jechi-darbii(password)
Lakkadda(ode) itti galchi

5) Fuula itti-aanu irratti Jecha-darbii Haaraa(New Password) akka galchitu isin gaafata.

Jecha-darbii Haaraa Uumi
Jecha-darbii Haaraa Uumi


I. a. Garuu yoo T.Ergaa(Email) gubbatti Lakkaddi itti ergamuuf jedhu sana fayyadamuu/banuu yoo hin dandeenye tahe hoo?:

    1. Akkuma Lakkoofsa 3ffaarratti gubbatti eerame Lakkadni nageenyaa(Security code) T.Ergaa(Email)dhaan isiniif ergamuuf jedhame sana bantanii lakkadda sana argachuu yoo hin dandeessan tahe ammoo; Ittifufi(Continue) isa jedhu dhiiftanii, gara miiljalee gadi buutanii ‘kana argachuu hindanda’u(No longer access to these….)’cuqaastu

  1. Yeroo kanas, Filannooleen lama isin mudachuu danda’u:a) Feesbuukiin mala biraa kan isin eenyummeessaa keessan akka deebifattaniif lakkaddaa itti isiniif ergu hin hayyamu waan ta’eef Eenyummeessa keessan mirkaneessuu hin dandeenye dhiifama, Ergaa jedhu isinitti agarsiisuu mala.
    – Kanammoo Iyya’aa(Browser) biraatiin tartiiba walfakkaata irra deebi’aa yaalaa.Facebook - No email access

     

     

     

    b) Lakkoofsa bilbila tkn T.Ergaa(Email) biraa keessan irratti Lakkadda sana isiniif erguuf filannoo isiniif yoo agarsiise;
    Lakkadda(code) sana dubbisuuf karaa isiniif salphatu ilaaltanii filachuudhaan, Lakkadda(Code) sana itti galchitanii, Achi booda Itti-aansitaniis, Ittifufi(Continue) isa jedhu cuqaastu…

     

    Jecha-darbii haaraa galchitanii akka jijjiirattan isin gaafata.Sana booda Jecha-darbii ofii keessanii barbaaddanitti jijjiirachuudhaan Eenyummeessaa keessan too’annoo keessan jalatti deebifattu.
    Haala kanaan deebifachuu dandeessu.

Hub: Carraa Filannoo b) kana jala jiru argachuuf(Lakkadda Bilbilaafi T.Ergaa) keessanitti akka isiniif ergu argachuuf; Dursitanii Eenyummeessaa keessanirratti T.Ergaa(email) dabalataa yoo glchitanii jiraattaniifi Lakkoofsa Bilbilaa keessan ‘ Two-Factor Auntentication‘ dhaaf guuttannii yoo jiraattan.

 


 

I. b. Garuu yoo namni Password itti jijjiiratee jiraate hoo?:

1) Geessii(link) kana banaa: https://www.facebook.com/hacked

2) Nageenya Eenyummeessaa kiyyaa Gabaasi(My Account is Compromised) isa jedhu cuqaasaa:

Eenyummeessaa hatame Gabaasi
Eenyummeessaa hatame Gabaasi

3) Fuula ittaanurratti Maqduree(username), T.Ergaa(email) ykn lakkoofsa bilbilaa Eenyummeessaan keessan ittiin banameen itti galchitanii akka barbaaddan isin gaafata,

Jechi-darbii(password)

3) Isin kan barbaaddan itti galchitanii yoo akka barbaadu ajajjan, Barbaacha booda Maqaa Eenyummeessaa keessaniifi kan walfakkaatu isiniif tarreessa. Eenyummeessa keessan(Suuraa Fuulgocha keessanii ilaaltanii) keessaa filachuu qabdu.

Itti-aansitaniis, Ittifufi(Continue) isa jedhu cuqaastu…

4) Jecha-darbii isa ammaa ykn duraanii(Current or old Password) akka galchitan isin gaafata.

Kanaafuu yeroo kanatti Jecha-darbii keessan isa duraan fayyadamtan sana galchuu qabdu. Achi booda Itti-aansitaniis, Ittifufi(Continue) isa jedhu cuqaastu…

5) Fuula itti-aanu irratti Jecha-darbii Haaraa(New Password) akka uumattan isin qajeelcha akkuma yeroo Jecha-darbii jijjiirattaniitti. Sana booda Jecha-darbii ofii keessanii barbaaddanitti jijjiirachuudhaan Eenyummeessaa keessan too’annoo keessan jalatti deebifattu.

 

Filannoon Xumuraa: Tartiibotni adda addaa asiin gubbatti tarreeffaman kunneen yoo seeraan yaalamee dadhabame, Tarkaanfii Mirkaneessa Eenyummaa(Identity Verification) fudhachutu furmaata.
Tarkaanfiin Mirkaneessa Eenyummaa(Identity Verification) tartiiba Maamilli Feesbuukii tokko Eenyummaasaa ittiin mirkaneessisu akka ta’e Seerri dhaabbatichaa Waxabajjii 18, 2019 fooyya’e ni mirkaneessa. Haaluma kanaan:
Waraqaa Eenyummaa kan eenyummaa nama sanaa agarsiisu gara dhaabbata Feesbuukii erguudhaan Eenyummaa ofii mirkaneessuun ni danda’ama.
Erga Waraqaan Eenyummaa sun ergamee booda dhaabbatni Feesbuukii Guyyaa 1-3tti Eenyummeessaa keessan saphamatti kan isiniif deebisu akka tahe beekkamaadha.
Kanaafuu:
Geessii kana banaa:
https://en-gb.facebook.com/help/contact/183000765122339

Unkaa(Form) Waraqaa eenyummaa ergitan sanarraa guutaa
– Unkicha gara Dhaabbata Feesbuukii ergaa guyyoota muraasaaf obsaan eegaa
– Sana booda dhaabbatni akkaataa eenyummeessaan keessan itti isiniif deebi’u isiniif dhaama

Eenyummeessaa isin jalaa hatame, karaa hedduun deebifachuu dandeessu. Eenyummeessaan keessan maaliif hatame jettanii beettuu? Eenyummeessaa Feesbuukii keessanii eegumsaa fi ofeeggannoo jabaa gochuun dirqama. Jecha-darbii(Password) keessan Eenyummeessa Feesbiikiitiif fayyadamtan iddoo biraatti fayyadamuu dhiisuun ni gorfama, kunis yoo eenyummeessaan keessan tokko hatame inni biraatis rakkoo walfakkaatuuf akka hin saaxilamneef isin fayyada.

Dabalataanis, Eenyummeessaan Feesbuukii, Mala lammataa mirkaneessa seensaa(two-step login approval) qaba. Mala kana Qindaa’ina(Settings) keessa seentanii Mirkaneessa Seensaa ‘Login Approval’ banuu(On) qabdu. Kunis Yeroo Eenyummeessaan keessan nama biraatiin ykn iddoo haaraa irraa seenamu Lakkadni eegumsaa(Security code) bilbila eessani irratti ergamee isa galchan malee seenuun hin danda’amu.

Eenyummeessaa Feesbuukii keessan yeroo hatamu odeeffannoon dhuunfaa keessan hundi waan hatamuuf ofeeggannnoo cimaa fi eegumsa gaarii tartiibota gubbaa irratti gorsine seeraan hojitti hiikuun barbaachisaadha.
Maxxansi keenya namoota hedduu fayyadeera jennee abdanna, Yaada keessan Maxxansa kana jalatti nuuf dhiisaa.

Kaayyoon keenya: Hubannoo Hawaasa keenyaa cimsuudha!

Odeeffannoo dabalataa yoo qabaattan:
oroict.com Team
Email: oromoict@gmail.com or oroict.com

Web: www.oroict.com – ICT Consultancy and Services
: https://africadigitalmarket.com
: www.afan-oromoo.com – Afaan Oromoo Tutor
: www.hojii.net – Employment Company
: https://fayyaa.afaan-oromoo.com – Health Professionals Advice

: www.hojii.net – Beeksisa Hojii

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Dine
    September 11, 2020

    Galatoma bayee nu fayadanii

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *