Afaan Oromoo Barnoota Adda Addaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa

Mala Salphaa Dookumantii PDF tokko haala salphaan .DOC tti jijjiirachuuf isin Gargaaru

Kana beektuu laata? – #Dookumantii PDF tokko haala salphaan .DOC tti jijjiirachuuf:
Yeroo baay’ee namootni heddu Dookumantiiwwan adda addaa Gosa #PDFtiin jiru gara #Doc jijjiirachuuf ni rakkatu, kanaafis #Moosajjiilee adda addaa interneeta irra barbaadaanii bitachuu ykn marsaa-yaalii(trial version) dhaan hamma yeroon irraa dhumutti fayyadamu.

Amma Garuu tooftaaleen add addaa haala salphaan #Dookumantii PDF gara DOC nuuf jijjiirutti jiru. Isaan keessaa tooftaalee sasalphaan 2 isinitti agarsiifna, tokko telegiraamaan banuu yoo tahu, 2ffaan Google Document Viewer; hardhaaf isa #Telegrama irraa banuu ilaalla:

Dookumantii #PDF tokko haala salphaan #DOC tti jijjiirachuu yoo barbaaddan:

  1. Jalqaba, Dookumantii PDF jiru qopheeffadhaa,
  2. Itti-Aansuudhaan, Dookumanticha gara Telegraama lakkoofsa biraa ykn #Saved Message jedhutti ergaa
  3. Sana booda Dookumantichi Telegiraama keessan irratti guutumatti erga fe’amee booda, #MaaliinBanuuf(OPEN WITH) jedhu isinitti agarsiisa.
  4. Xumurarratti, #MaaliinBanuuf(OPEN WITH) isajedhu yoo cuqaaftan filannoo heddu akka suuraarraa argitan kanatti isiniif dhufu keessaa -Word(Desktop) filadhaa.

Dookumantiin keessan fuula hanga fedhes qabaatu hundumtuu osoo bifasaa hin geeddaratin(without changing format) isiniif banama.

Kun tooftaa salphaa, baasii adda addaa kan akka #PDF Converter bituu hambisuu, Yeroo qusachuu, namoota PDF irraa garagalchaa .DOC(word) ttii jijjiiruuf rakkatan.

Qorattoota fi Qo’attoota(Researchers) qorannoo isaaniitiif Dookumantiilee heddurraa odeeffannoo funaannatan fa’a haalaan kan fayyadu waan taheef,
Dubbisaa waliif hiruudhaan #hiriyyoota keessaniif dabarsaa.

2ffaan Google Document Viewer yoo tahu tartiiba isaa yeroo itti aanu isiniif maxxansina.

 

Odeeffannoo dabalataatiif #telegram keenya hordofaa
https://t.me/oroict_solutions

 

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Dekeba Ababu
    January 26, 2023

    Guddataa Galatoomi

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *