Kuftaalee Maqgeessii haquu (Clearing DNS Cache)n Interneetiidhaan akka Faana isin hin dhoofneef gargaara.
Yeroo adda addaa namootni Koompitara/mobile isaanii irra deddeebiidhaan yeroo fayyadaman, keessaahuu yeroo interneeta fayyadaman Odeeffannoolee dhuunfaa ykn dhaabbataa dabalatee odeeffannoo icciitii kanneen akka Jecha-darbii(password), Lakkoofsa Kaardi Kafaltii(Payment card), umrii, Lakkoofsa bilbilaa, T.Ergaa(Email), Odeefannoo Maatiifi kkf irra deddeebiidhaan yoo gaafatamu galchuu caala, ofumaa iyya’aan(browser) ykn Fayyadamaan(App) namni sun koompitara/mobile isaanii irratti fayyadaman akka ofumaa yaadatuuf(Remember Me) godhu hayyamuuf.
Sana booda; Namni sun odeeffannoolee iyya’aan isaanii akka yaadatuuf hayyame sana irra deebiidhaan galchuun isarraa hin eegamu, koompitara/mobile sana irratti iyya’aan(browser) ykn Fayyadamaan(App)n sun ofumaa yaadataaf.
Fkn: ofumaa iyya’aan(browser) ykn Fayyadamaan(App) Mobile/Koompitara keessan irraa yeroo heddu fayyadamtan yaadadhaa? Meeqa keesantu guyyaa guyyaadhaan Jecha darbii keessan galchee fayyadama? – Namoota Muraasa.
Haalli kun ammo Bu’aas Miidhaas kan qabu waan ta’eef ofeeggannoo guddaatu barbaachisa.
Faayidaaleen Kuftaaletti dhimmi bahuu:
- Deetaa takka banamee ture, kan akka jecha-darbii fa’a waan yaadatuuf saffisaan banuuf
- Salphaatti waan barbaadnu nuuf fida, fayyadamiinsa irradeebii(reuse)f mijataadha
Faayidaaleen Kuftaaletti dhimmi bahuu:
- Fageenyarraa faana dhahanii odeeffannoo icciitii keenya hannaaf nu saaxiluu danda’a
- Odeeffannoolee kuftaalee keessa olkaayanne dogoggoraan ykn rakkoo teekinikaatiin yoo haqame ykn bade miidhaa qaqqabsiisuu danda’a
- Kuufamni deddeebiidhaan taasifamu fayyadamiinsa keenya haala xaxamaa keessa bu’iinsaaf nu saaxiluu danda’a
- Kuufamni kuftaalee hin too’atamnee Koompitara/mobile keenya jaataneessuudhaan hojii keenya gufachiisuuf sababa ta’uu mala. Kanaa fi kkf fa’a
Interneetaan akka FAANA ISIN HIN DHOOFNE gochuu ni dandeessu:
Innis Kuftaalee Maqgeessii haquu (Clearing DNS Cache) dhaan.
Kuftaalee(Cache) kana haquuf:
- Agarsiiftuu Ajajaa akka too’ataatti banuu(open CMD as admin)
- Ajaja kana( ipconfig/flushdns) itti naquudhaan Furtuu Seensistuu cuqaasi
Sana booda Dhaamsa Milkaa’inaan qulqulleessitaniirtu jedhu argattu, suuraa asiin gadii ilaalaa.
Yaada qabdan, Maxxansa kana jalatti nuuf kennaa
Kaayyoon keenya: Hubannoo Hawaasa keenyaa cimsuudha.
HORAA BULAA
Oroict.com