Marsaalee Ammee

Dhaabbanni Fesbuukii oduu Fesbuukiirra mul’atan irratti jijjiirama godhuufi.


Fesbuukiin odeeffannoo irratti mul’atu jijjiiruun maxxansaalee biznasii, daldalaafi miidiyaaleen barreessan haalaan akka hinmul’anne gochuufi.
Waltajjii Fesbuukii dhimmoonni maatii fi hiriyaa gidduutti haasaa fi marii fidan irratti xiyyeeffannaa kennuu barbaanna jechuun hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbata Fesbuukii Maark Zuukarbarg fuula Fesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.
Sababa kanaanis maxxansi dhabbattoota akka kanaan duraattii namoota qaqqabuun isaa gadi hir’achaa akka dhufuu ni hubanna jechuun dhaabbatichi beeksiseera.
Jijjiramni kun torbee dhufuu eegalee hojiirra akka oolus beekameera.
”Akka hawaasa Fesbuukii irraa yaada argannetti qabiyyeen hawaasaa – maxxansaalee biznasii, daldalaa fi daldalaa, fi miidiyaaleen – dhimma dhuunfaa xiqqeessuun namni akka daran walitti hin haasofne danqaniiru,” jechuun Obbo Zuukarbarg kan barreessan.
Qabiyyeen qunnamtii hawaasaa akka guddatu yoo barbaachise, walitti dhufeenyi hawaasa gidduutti ta’u jajjabeeffamuu qaba – kunis akkuma sagantaa TV fi ispoortii gartuu fi hiriyoota gidduutti haala ho’aan mari’atamuu sanaatti jechuudhaa jedhan.
Fakkeenya biroo Fesbuukiin kennamen immoo waa’ee vidiyoo kallattiin darbuuti. Kunis marii hedduuf nama walitti fida jedheera.
”Yeroo isin Fesbuukii irratti balleesitan irra caalaa akka bu’a qabeessa ta’uun abdadha.”

Zukarbarg bara 2018 rakkoowwan jiran ‘sirreessuun’ Fesbuukii irratti namoonni yeroo gammachuu akka dabarsan akka taasisan duratti barreessani ture.
Dhiibbaa biyyoota irraa Fesbuukii bilisa gochuuf waadaa seenaniiru.
Akka xiinxalli tokko tokko agarsiisutti biyyoonni akka Raashiyaan dhiheenya qabiyyee miidiyaalee hawaasa irratti waan namni odeeffatu irratti harka seensisaa turan.
Laabii gaazexessummaa Niyemaan Yunivaristii Harvaard argamuuti Laawuraa Hazaard Owen, ”kun waan guddaadha. Murteen kun dhaabbilee maxxansaa irratti dhibbaa guddaa uuma. Oduun dur Fesbuukii keenyarra arginu haalaan xiqqaata, ” jedhaniiru.
Itti dabaluunis, haa ta’u malee marii akkamiif dursi akka kennamu Fesbuukiin ammallee sirriitti ifa hingoone jedhan.


Maddi: OBN Afaan Oromoo

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *