Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Facebook irratti Maxxansaalee hin barbaadne Ugguruufi kanneen barbaaddan qofa ilaaluu dandeessu.


Facebook irratti Maxxansaalee hin barbaadne Ugguruufi kanneen barbaaddan qofa ilaaluu dandeessu. #Uggurri(Block) gosa 6 oltu jira. – OROMO ICT – #SHARE godhaa waliif dabarsaa

Yeroo amma dhaabbanni Feesbuukii Dhaabbilee marsaalee tajaajila Hawaasaa keessaa jaalala olaanaa kan horate waan ta’eef, Kaayyoo isaa tajaajila hawaasaa irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjachaa jira.
Inumayyuu haala saffisa tekinoolojii kanaa yoo ilaallu hojiileen dhaabbata kanaa yeroo dhiyotti gara sadakaa olaanaa ce’uudhaan hanga KALAQA UUMAMAAN HUBACHUU(Artificial Inteligence) irra gahuu akka hin oolle tilmaamaa jira.

Gara mata duree keenya hardhaatti yoo deebinu, Dhaabbanni Feesbuukii tajaajila isaa ummata aadunyaatiif kennu irratti ofeeggannoo cimaan hojjachaa jiraachuu irraa kan ka’e Namootni tajaajila dhaabbata kanaa fayyadamaa jiran, #Nama fedha ofiitiin hiriyyoomfachuu barbaadan ykn maxxansaaleefi hojii isaa hordofu barbaadan, akkasumas Maxxansaalee Namoota ykn Fuulota Feesbuukii barbaadanii qofa akka hordofan haal-dureen hedduu mijateera.

Kunis UGGURA ykn ‘Block’ gochuu dha.
Ugguruun nama qofa miti, wantoota hin barbaadne hunda ugguruu dandeenya.
Isaanis:
1~ Nama hin barbaadne ugguruu – Block Users
2~ Ergaalee hin barbaadne Ugguruu – Block Messages
3~ Affeerraa Fayyadamaa hin feenee ugguruu – Block App invites
4~ Fayyadamaalee hin feene ugguruu – Block Apps
5~ Affeerraa Taateewwan hin feenee ugguruu – Block events invites
6~ Fuulota Ugguruu – Block Pages
fikkf dabalatee maxxansaalee hin barbaadne ykn nu jeeqan ykn nun fayyadne ofirraa ugguruudhaan Feesbuukii keenya tajaajila barbaadnu qofaaf fayyadamuun ni danda’ama.

Walumaagalatti, Maxxansaalee hin feene ykn wantoota hin barbaadne ufirraa ugguruuf TARTIIBA Kanaa gadii hordofaa:
1) Nama hin barbaadne sana ofirraa Ugguruuf:
Maqaa Feesbuukii nama sanaa irratti cuqaasuu dhaan banuu qabna, sana booda gara harka mirgaatti suuraa golga(cover) jalaa BAAFATA(menu) cuqaasuudhaan UGGURI(Block) isa jedhu erga cuqaafnee booda – Tole(OK) jennee mirkaneessina.

—Uggura Jalaa baasuu yoo barbaachise immoo:
Qindaa’ina(Settings) –> Gara harka bitaarratti ‘BLOCKING’ isa jedhu cuqaasuudhaan – Uggura too’adhu(Manage Blocking) isa jedhu jalaa – Maamila Uggurame(Blocked Users) jalaa – Uggura jalaa baasi(unblock) gootu.

 

2) Ergaa(Message) hin barbaadni ugguruufi Ergaa icciitii ykn hin barbaadne balleessuuf
Ergaa hin barbaadne sana banaa – gubbaa Maqaa nama isinii barreessu sana cinaa Qindaa’ina(Setting) cuqaasaa – Ugguri(Block Message) isa jedhu cuqaasuudhaan mirkaneessaa.


—Uggura jalaa baasuuf tartiibuma FURMAATA Gubbatti kaa’ame hordofuu dandeessu ykn idduma ergaa(meesage) sana duraan itti uggurtan sanatti deebitanii Hin-Uggurin(unblock) gochuu dandeessu.

3) Ta’iiwwaniifi Fuulota hin barbaadnes Tartiiba 1ffaa irratti caqafame hordofuun ugguruu ykn uggura irraa kaasuu dandeessu.

 

#Ergaan kun yoo isin fayyade Hiriyyootni ykn Maatiin keessanis akka dubbisuufi yeroo biraatiifillee akka fuula keenya hordofee irraa baratu #MAXXANSA KANA #HIRAA_YKN_SHARE qofa godhaa

 

 


 


Kaayyoon keenya – Ogummaa keenyaan Hawaasa Keenya Tajaajiluu, Ga’umsa Hawaasaa keennaa cimsuudha!   

#HORAA BULAA DEEBANAA
GAREE Qubee Technologies | OROMO ICT
email: info@oroict.com
web: www.oroict.com or www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. kemal
    February 2, 2018

    Baay’ee Bareedadha. Jabadha!!!

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *