Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Jechi darbii Feesbuukii Fayyadamtoota Miliyoonotaa Saaxilame


Jechi darbii Fayyadamtoota Feesbuukii amansiisaa akka hin taanetu himame.
Fayyadamtoota Miliyoona 60 ol jechi darbii isaanii hojjattoota dhaabbata Feesbuukii keessa hojjatan kuma 20 ol tahaniin akka beekkamu qorannoon tokko addeesseera.
Qorataan Eegumsaa(Security researcher) Krebs jedhamu oduu hanqina eegumsa deetaa waajjira Feesbuukii himeera.

Jechoota darbii kunneenis kanneen bara farajootaa 2012 irraa eegalee giddugalaan hojjattoota dhaabbatichaa kuma 20 bira gahaa akka tureefi keessattuu naannoo saffisniifi gahiinsi cimdaa(Network) gadi aanaa turetti tajaajilaarra kan ture Fayyadamaa(App) dhaabbatichaa ‘Facebook Lite’ fayyadamaa kanneen turan irraa ta’uus ibsa qorannichi.

Jechi darbii[password] Fayyadamtoota Feesbuukii miliyoona dhibbaan lakkaawamuu bifa qubee dubbifamuu danda’uu(Readable Text format)dhaan giddugala tajaajila dhaabbatichaatti sirna(system) isaanii keessa yeroo dheeraaf akka ture beekkameera.
Odeeffannoon Krebs hanqina eegumsa deetaa irratti kenne akka addeessutti Ijaartota(developers) dhaabbatichaatu yeroo fayyadamaa[App] hojjatanii ummataaf gadi lakkisan Fayyadamicha yeroo fayyadamtootni itti fayyadamuuf seenanii bahan jecha darbii isaanii akkuma jirutti ykn osoo icciitessin(With out encrypting) kan olkaayu turee jedhu.

Dhaabbatichi rakkoo uumame jedhame kan fure ta’uu ibsee, Hojjataan kamuu dhimma seeraan alaatiif akka itti dhimma itti hin baaneefi akkasumas fuudhee gara alaa akka hin baasin himeera.
Ibsa dhaabbatichi baase keessatti

Rakkoon kun Ammajii darbe sakatta’iinsa eeggumsaa dhaabbataa yeroo taasifametti akka argameefi rakkinishaaf kan saaxilames naannoo saffisniifi gahiinsi cimdaa(Network) gadi aanaa turetti tajaajilaarra kan ture Fayyadamaa(App) dhaabbatichaa ‘Facebook Lite’ fayyadamaa turan tahuu himameera.
Haaluma kanaan Fayyadamtootni Miliyoona dhibbaan lakkaawaman kanneen Fayyadamaa ‘Facebook Lite’ fayyadaman, Akkasumas Kanneen Miliyoonota kudhaniin lakkaawaman ammoo kan Fayyadamaa Feesbuukii kanneen biroo fayyadamaniifi Fayyadamtoota ‘Instagram’ kan hedduuminni isaanii kuma kudhaniin lakkaawamu ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Kanumaan walqabatee Fulbaana bara darbee odeeffannoon Fayyadamtoota Mil.50 saaxilamuufi Jalqaba bara 2018 odeeffannoon Fayyadamtoota Miliyoonotaa dhaabbata Saayinsii Deetaa kan ‘Cambridge Analytica’ jedhamuun beekkamu harka seenuu ni yaadatama.


Gabaasni kan oroict.com


Maddi BBC fi Rooyitars

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *