Barnoota Moobaayilaa Marsaalee Ammee

Mobile Keessan Maaltu Jaataneessa[Busy] Godha:- OROMO ICT

mobile

Maaltu Mobile keenya Nu jalaa Jaataneessaa(Busy) godha……#Share Godhaa

Mobile Nama hedduu yeroo jaatanaa’u(busy ta’u) yeroo wajjin rakkatan namoota hedduu ni argina.
Kun sababoota Muraasa armaan gadiif akka ta’e isin hubachiisuu feena…….OROMO ICT….. #share

●Mobile Faayiliidhaan yoo guuutame.
Mobile yeroo ammaa kuusaa wantoota adda addaa ta’uun tajaajilaa jira.
Keessattuu, suursagaleefi Suuraan wantoota Bilbila keenya Jaataneessan(busy godhan) keessaa isa duraati.

Kanaafuu kanneen hin barbaachifne keessaa balleessuun Furmaata jenna.

●Fayyadamaa(Application) Mobile heddu itti fe’uu. Namootni hedduu Fayyadamaa faayidaa mitii, Maquma isaatuu hin beekne Mobile isaatti guutee deema. Kun miidhaa malee faayidaa tokkooyyui hin qabu.

Fayyadamaa(Apps) Itti fayyadamnu malee kanneen duwwaa mobile keenya jaataneessan keessaa balleessuu qabna.

●Sagalee WhatsUp.
Namootni yeroo hedduu WhatsUp sagaleedhaan fayyadaman osoo beekanis ta’ee osoo hin beekin, sagaleen sun Bilbila keenya keessatti waan kuufamuuf, Bilbila keenya jaataneessuu bira darbee hamma bilbila sana gubuutti deemuu danda’a.

Sagalee sana yeroo yerotti WhatsUp keessa deemnee balleessuun furmaata.

OROMO ICT
HORAA BULAA[sgmb id=”1″]

 

Author

abdiisaa

Comments (3)

  1. deder kiyo
    February 19, 2017

    gaalatoma antvirus itti godhachun ni barbachisa haala kaamin?

  2. chala
    February 19, 2017

    -‘android version’mobaayila keenyaa ol guddisuu ni dandeenya?
    -mobaayilii sooftiweerii fixe ofiikeenyaan haaromsuu ni dandeenya?fkn yoo cufatee(switched off) ta’ee banamuu dide.otoo faayila Kenya hin dhabiin(back up)otoo hin godhiin deebifachuu ni andeenya?

  3. bilisumma lelifa
    February 19, 2017

    Jajjabaadha

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *