Hanna Koompitaraa Marsaalee Ammee

‘Microsoft Window’ Aggaammii hanna Saayibariitiif saaxilamee jiraachuun ibsame.


Ebla 17,2019(oroict.com) – Oomishaaleen ‘Microsoft Window’ adda addaa kanaan dura aggaammii hanna saayibarii dhaabbatichi hin beekneef saaxilamee turuu Laboraatooriin dhaabbata Kaaspiraaskii ifoomseera.
Yakka hanna saayibarii kana duuba qaamni ykn gareen kamtu akka jiru wanti beekkame hin jiru jedhan.

Sababaan xiyyeeffannoo hanna saayibarii kunis yaalii Mi’oota/meeshaalee(devices) murteessoo barbaadan guutumatti too’achuuf jedhameera.
Rakkoon kun torbaan darbe(Ebla 10/2019) dhaabbata Microsoft dhaaf kan gabaafame erbaa(patch)dhaan.
HEUR:Exploit.Win32.Generic, HEUR:Trojan.Win32.Generic fi PDM:Exploit.Win32.Generic tu argame.

Aggaammiileen 15 ol walitti fufiinsaan dhaabbata Microsoft irratti raawwatame gaaffii hayyama mi’oota qarqaraarratti godhameen seenamuun kan himame ji’a kana keessadha.

Hanqinni Moosajiilee asiin dura hin muldhatin Oomishaalee Moosajii ‘Window’ irratti yommuu muldhatu ji’oota muraasa keessatti walitti-fufiinsaan yeroo 5f akka tahe dhaabbatichi beeksiseera.

Rakkoon aggaamii kanaa akka kanneen asiin duraa salphaa akka hin taaneefi furmaata eeggumsaa tokko tokkoon kan hin muldhanne akka tahetu himame. Kunis sababa gol-duubatti(backdoor) akka rakkoo kanaan dura hin beekamne tamsa’a waan taheef.

Akka dhaabbanni jedhetti tamsaatuun(malicious) faayila ‘.exe’ koompitara keenyarratti banamnaan tamsaatuun(malicious) sun ofumaa fe’amuudhaan hojii eegalti. Kanumaan dhaabbatichi Aggaammii guyyaa zeeeroo(zero-day vulnirablity’tti hayyama waan barbaadan argachiisee koompitara xiyyeeffatame yakka hannaatiif saaxiluudha jedhameera.

 

Maddi: infosecurity-magazine.com

Kan hiike: oroict.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *