Hanna Koompitaraa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Marsariitiiwwan Hootelaa hanga dhibbeentaa 66(66%) ta’an odeeffannoo Maamiloota isaanii qaama sadaffaaf ni dabarsu.


Rakkooleen marsariitii Hootelaatiin walqabatee raawwatu Marsariitiin Hootelootaa dhibbeentaa 66% ta’an odeeffannoowwan maamilootaa haala hin eegamneen qaama sadaffaaf dabarfamee akka kennamu Seemaantik ifoomseera.
Odeeffannon kanneen bira gahu keessaa dhaabbilee Beeksisaa, dhaabbilee tarreessaafikkf jechuun kan beeksise dhaabbata qorannoo saayibarii irratti gaggeessuun beekamu Saayimaantik ifoomseera. Qorannoon kan gaggeeffame biyyoota 54tti kan argamu hooteoolta 1500 ol ta’an irratti yommuu tahu Sadarkaan hootelootaas kanneen sadaarkaa ffaa hanga 5ffaa(2star to 5star) akka tahe himameera.

Asiin dura Hootela Maariyoot seenaa keessatti hanni odeeffannoo kan irratti raawwatame akka tahe ibsamaa turus qorannoo kanaan ammoo Hooteelonni Mariyoot keessatti hin ammatamne. Yakki seeraan alaa hanna saayibarii kun kan raawwatamuNamoota daldalaa bebeekkamoo Hooggantoota olaanoo Mootummaa too’achuuf akka ta’etu himame.
Hirmaataan qorannichaa tokko Seera dhuunfaa kan biyyoota Awuroophaa tokko eeree, Haala qabiinsa odeeffannoo dhuunfaarratti dhaabbileen Hootelaa seera jabaa tahe baafachuu akka qaban kan gabaase Rooyitarsi.

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *