Barnoota Moobaayilaa Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Bilbila Android isin Jalaa Saamsame Osoo Deetaan isin jalaa hin badin akkamitti Banattu[Unlocking Android Smart Phone Pattern without losing Data]: OROMO ICT

Bilbila Android isin Jalaa Saamsame Osoo Deetaan isin jalaa hin badin akkamitti Banattu[Unlocking Android Smart Phone Pattern without losing Data]


Yeroo ammaa bilbilli Android Bilbila baldhinaan addunyaa keenya keessatti namni hedduu fayyadamaa jiru ta’uu hedduu keenyaaf ifa, ittis fayyadamaa jirra. Kanuma Hubannoo keesssa Galchuun Injiinarootni dhaabbata GOOGLE xiyyeeffanna guddaa kennanii Bilbila kana icciitessuuf hojjachaa jiru.

Haaluma kanaan walqabatee, Bilbila keessan yeroo Jecha darbii[password] ykn Pattern isaa irranfattan #Reset gochuun Deetaa keessaa balleessanii bilbila kan sirreefatan mala baratamaa yeroo ta’u, Amma Garuu Tooftaa salphaa armaan gadii fayyadamnee Deetaan keenya tokkooyyuu osoo hin badin Bilbila keenya banachuu akka dandeenyu beekuun barbaachisaadha.

Kunis:

Mala 1ffaa:

Malli kun waa sadi isin barbaachisa. Isaanis:

  • Moosajii[Software] Aroma File Manager. jedhamu
  • Bilbila keessan kan saamsame ykn cufame fi
  • Kuustuu ykn Memory dha

Sana Booda tartiiba kanaa gadii hordofaa:

  • Aroma File Manager. gadi buufadhaa[download], Moosajii kana Memory keessan keessa kaayaa, sana booda memory bilbila isin jalaa cug=fame keessa kaayaa.
  • Bilbila keesan POWER KEY + qabduu[button] Sagaleee guddiftuu[volume up] walitti qabaatii REBOOT godhuun STOCK RECOVERY MODE Banaa. Hub: Bilbilli adda addaa amala adda addaatiin REBOOT waan ta’a.
  • Erga Recovery Mode keessa seentanii qabduu[button] Volume + fi volume – dhaan oliif gadi sochoosuu dandeessu, Filachuuf immoo qabduu[button] gidduu fayyadamaa.
  • Achi keessaa “INSTALL ZIP FROM SD CARD” filadhaatii daandii qajeelchaa[give the path to install AROMA FILE MANAGER fro SD Card.
  • Yeroo fe’amee ka’e, Recovery Mode nuuf bana
  • Aroma File Manager irraa Setting seennee, gara gadii gadi buunee “Automount all devices on start” cuqaasnee achi booda keessaa baana.
  • Tartiiba 4ffaafi 5ffaa irra deebina
  • Sana Booda Aroma Fike Manager nuuf banama ammas
  • Amma DataFolder keessaan System Folder seenuudhaan “gesture.key”or“password.key”kan paasword ykn pattern cufamee tartiiba walduraaduubatiin arganna.
  • Faayiloota sana hundaa balleessaa Aroma File Manager keessaa bahaatii Bilbila keessa REBOOT Godhaa. Sana booda ammas Bilbilli keessan pattern ykn Password qaba. Ta’us hin dhiphatinaa “Caluma jedhaa pattern ykn Password barbaaddan galchaa isiniif banama.”

Tooftaalee Biraatiin Hanga walitti Deebinutti Jedhaaa!

 


HORAA BULAA DEEBANAA

OROMO ICT

Author

abdiisaa

Comments (3)

  1. Abduljabbaar Maammadaa Qabsoon Islaamummaaf
    August 11, 2017

    Baay’ee gaarii/namatti tola qomookoo!
    beekumsi sii haa dabalamu.

    Galatoomi! Jabaadhu!

  2. Israel Terfasa
    March 15, 2018

    Baayyee nu barsiisa nu jabeessaa waan jirtuuf baayyee si galateeffanna.ammas akkamitti message lakk. garaa garaan gara namaa ergamuun nama jeeqaa oolu akka itti ofirraa cufuun danda’amu osoo naaf ibsitee jedheen kabajaa si gaafadha. galatoomi.

  3. Juhar Abdulkader
    November 25, 2022

    jabaadhuu dhiroo waa hedduu sirra baracha jira ogummaa bilbila gargara midhamee tolchus utuu karaa you tube leenjii nu qopheessitee baayyee barbaada jira

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *