Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Deetaa Kuustuu[computer, Memory, SD Card ykn Flash] irraa bade/dhokate deebifachuu dandeessu: OROMO ICT


Deetaa Kuustuu[computer, Memory, SD Card ykn Flash] irraa bade/dhokate deebifachuu dandeessu: OROMO ICT

Daataa Kuustuu[Computer, Memory, SD Card ykn Flash] Keessan irraa dhabdanii beektuu?
 Eeyyen, namootni hedduu deetaa[file] barbaadan yeroo hedduu saboota garagaraatiin jalaa dhokata ykn bada.

Isaan keessaa
 • Osoo hin beekin Qulqulleessuu [formating files]
  • Balleessuu[Deleting files]
  • Qinqaanii Faalamuu kuustuu sanaa [affected by Virus] fa'a yommuu ta'an kunimmoo Deetaan sun osoma kuustuu sanarra jiru akka hin muldhanne godha.
 Deetaa kuustuu irraa guutumatti bades ta'ee kan qinqaaniin faalame deebisaanii argachuun ni danda'ama.
 Isaan keessaa hardha, Deetaa Qinqaaniin Faalamee dhokate akkaataa argachuu dandeessaniin isinitti agarsiifna.
 Tajaajila kanas argachuuf malootni heddu kan jiru ta'us, amma mala salphaa tokko isinitti agarssifna.
 Malli salphaan kunis:
 Duraan dursitanii Kuustuu[Memory, SD card ykn Flash] keessan koompuutaraan wal qunnamsiisuu qabdu. Sana booda tartiiba kana Hordofaa:
  •  Go to Start>>All Programs>>Accessories>>Click Command Prompt. ykn Search irratti CMD barreessaa 'Enter' tuqaa. Fakkii armaan gadii kanatu isiniif dhufa.
    
     Hub: Koompuutara keessan "adminstrator" account fayyadamaa
  • Gara teessoo kuustuu keessanii geessu filadhaa
 kunis: Click Start>>Computer/My Computer.
 Kuustuun keessan (F:) dha ilaalaa kinoo.                                                                                                                                                  F: jedhaa barreessaa "Enter" tuqaa                                                           F:\> jedhee isiniif dhufa. Fakkii armaan gadii ilaalaa     

Amma daataa barbaaddan argachuuf qophii barbaachisu gootanii jirtu.  Haala kana fakkaata     

                                                    



                                                 
  •  Amma ajaja[command] attrib -s -h -r /s /d ykn Attrib *.* -r -h -s /s /d jedhu kana barreessaa "Enter" tuqaa                                                                                                                          
Sana booda xiyyi dhikkiftu[blinking cursor] duwwaa ykn kophaa jalatti gadi buuti, Yeroo sana Deetaan keessan kan dhokate isiniif deebi'eera, Deemtanii Kuustuu keessan irra barbaaduu qofa.

Hub: Malli kun Deetaa[folders] adda addaa koompuutara keessan irraa badeefillee ni fayyada
 Warri guutumatti isin jalaa qulqullaaye ykn bade [deleted and formatted files] immaa yeroo itti aanutii nu eegaa.



HORAA BULAA
 OROMO ICT
 .

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *