Qafoon Ammayyaawaan(Smart phone) keessan akka ariifatu(Saffisu) yoo barbaaddan tartiiba kana hordofaa.
- Bilbilli keessan saffisuu dideeraa?
- Qafoon keessan yoo fayyadamtan ni jaatanaawaa?
- Bilbilli keessan isin harkatti caljedhaa?
- Qafoo keessan saffisa barbaaddanii fayyadamuuf isin rakkisaa?
Qafoon ammayyaawaan (Smart phone) keessan Saffisa isin barbaadaniin isiniif hojjachuu didee isin rakkisa taanaan tartiiba kanaa gadii hordoftanii sirreeffachuu dandeessu.
Malootni saffisa Bilbila keenyaa dabaluuf oolan:
- Fakkina Sochii cufuu—Turn OFF Animation
Kana gochuufis: Menu -> Setting-> About device-> Build Number irra deddeebinee saffisaan dhoofna hanga yeroo 7 –>Developer option created isiniin jedhu agartu -> tartiiba tokko duubatti deebi’aa (About Device keessaa bahaa)–>Developer
Option amma dhufe sana keessa seenaa (ON) godhaa –> gara gadii gadi bu’aa
Window Animation, Transition Animation fi Animator duration OFF godhaa
jijjiirama jiru ilaalaa.
#Hubadhaa: Qafoon china tokko tokko processor xiqqaa waan qabuuf saffisa duraaniiyyuu dhabuu waan danda’uuf tartiibuma gubbatti eerame sana hordofaa iddoo duraanitti deebisaa.
2. Fayyadamaa[Application] itti hin fayyadamne qafoo keessan waan jaataneessuuf balleessuun filatamaadha.
Qindaa’ina yks Setting keessa seennee App Manager keessaa App itti fayyadamaa
hin jirre sana barbaadnee UNISTALL ykn Force STOP gochuu dandeenya.
#Hub: Yeroo bilbilli keenya jaatanaayu ykn Busy ta’u, Asuma keessa seennee App bilbilicha Jaataneesse sana, FORCE STOP gochuu dandeenya.
3. Kuftaalee Qulquleessuu — Clearing Cache. Malli kun yeroo bilbilli keenya hojiirra
turu, wanootni garagaraa duubbeedhaan
osoo nuti hin beekin kan olkuufamuudhaan bilbila keenya jaataneessaniidha.
Kanaafuu bilbila keenya akka saffisa gaarii qabaatu gochuuf kuftaalee(cache) qulqulleessuun gaariidha.
#Kunis: Qindaa’ina seennee–> App Manager Seennee –> App hedduu fayyadamaa turre banuudhaan gara gadii buunee–> CLEAR CACHE Jedhu cuqaasuun
qulqulleessina.
Horaa Bulaa
oroict.com