Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Maloota #Mi’oota(koompitara/Mobile/Tab..), Deetaa, Dookumantiifi #Odeeffannoo dhuunfaa keenya Toorarratti(Online) itti eeggachuuf nu fayyadu.

Akkaataa #Mi’oota(koompitara/Mobile/Tab..), Deetaa, Dookumantiifi #Odeeffannoo dhuunfaa keenya Toorarratti(Online) itti eeggachuuf nu fayyadu keessattuu Qinqanii[virus] walqabatee..


Hedduun keenya akkuma hubannoo qabnu, Qinqaniin(Virus) Sagantaa(program) ogeeyyiin koompitaraa hojjatanii ummatatti gadi lakkisuudhaan #Bilbila ammayyaawaa(smart) fi #Koompitara keenya akka miidhu, ykn balleessu godhaniidha. Kunis cal jedhamee osoo hin taane, dandalaaf ykn bashannanaaf, akkasumas dandeettii ofii agarsiisuuf ogeeyyiidhaan kan hojjatamuudha. Wanti hubachuu qabdan, Sagantaan Qinqanii(Virus) jedhamu kun #DHIBEE koompitaraa/Mobile kan ta’eefi ofeggannoo barbaachisaa gochuu yoo dhabne Koompitara ykn Mobile keenya miidhuu bira darbee guutumatti balleessuu kan danda’uudha.

Haaluma kanaan yeroo ammaa addunyaa tana irra sagantaan(Dhibee) kompitaraa ykn Mobile kun heddutu faffaca’ee argama. Kanaafuu ofeeggannoo cimaa gochuu nu gaafata.

Miidhaa Qinqaniin(virus) geessu keessaa muraasni:

Miidhaan Qinqaaniin geessisu haala gosa qinqaanichaa(virus type) dhaan gargar ta’us, turtii yeroo muraasaatiin booda ykn haala ofeeggannoo nama dhuunfaa irratti hundaayee hundumti isaanii xumurarratti amala walfakkaataa qabu. Isaan keessaamuraasni:

  • Mi’a(device) keenya ykn Koompitara/Mobile keenya guutumatti gubuu, balleessuudhaan miidhaa hedduus qaqqabsiiseera, Qabeenya hedduus mancaaseera hanga ammaatti.
  • Deetaa(data) koompitara ykn Mobile keenya keessaa qabnu dhoksuu, guutumatti balleessuudhaan, Daataa adda addaa kan dhuunfaa, kan dhaabbataa, daataa icciittiifi daataa hojii gurguddaaf kaawame galaafachuun miidhaa guddaa nama dhuunfaafi Dhaabbata irratti qaqqabsiisuu danda’a, miidhaa hedduus qaqqabsiiseera, Qabeenya hedduus mancaaseera hanga ammaatti.
  • Mi’i(Device) keenya koompitarrri/Mobile keenya akka hin sochoone, akka dadhabu, akka hojii isaa seeraan hin hojjanne godha.
  • Icciitii nama dhuunfaa kaneen dhoksaa (personal Information) fkn: kanneen akka Jecha Darbii(Password) fi kkf kanneen namni icciitiin qabatu barbaade qaama sagantaa sana hojjateef erguudhaan balaafi nama saaxiluu danda’a, saaxilaas jira.

Balaa kanneen armaan olitti eeramaniif kanneen biroo heddu qaqqabsiiseera, qaqqabsiisaas jira. Kanaafuu, Ofeeggannoo cimaa gochuun Dirqama ta’a.

FURMAATA:

  • Ofeeggannoo guddaa taasisuudha. Yoo hin beekne ogeessa mariisisuudha.
  • Deetaa keenya garagalcha(copy of our data) iddoo biraati qabaachuu qabna.

Ofeeggannoo taasisuuf immoo tartiiba armaan gadii hordofaa:

  1. Bilbila/Koompitara keenya qoricha Qinqanii(Anti-virus) itti gochuufii yeroo yerotti haaromsuu(update shortly).

Bilbila Ammayyaawaadhaaf: Farra Qinqaanii gaarii ta’an bebeekkamoo keessaa App armaan gaditti eeramani kanneen fayyadamuu dandeenya:

Hub: Maqaalee App asii olitti eeramanii ykn hidhaa kanneen cuqaasuun Google Play Store ykn Amazon Apps Store irraa buufachuun itti fayyadamuu dandeessu.

 


Kutaa Itti Aanu>>


HORAA BULAA DEEBANAA….✍️👈

👥: OROMO ICT TEAM!💤

E-mail: info@oroict.com
oromoict@gmail.com

ICT Web: www.oroict.com

Afaan Oromo Web:

www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *