Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Akkaataa #Mi’oota keenya(koompitara/Mobile/Tab..), Deetaafi Dookumantii, #Qabeenyaafi Odeeffannoo dhuunfaa keenya itti eeguuf nu fayyadu: Kutaa 2ffaa

Akkaataa #Mi’oota keenya(koompitara/Mobile/Tab..), Deetaafi Dookumantii, #Qabeenyaafi Odeeffannoo dhuunfaa keenya itti eeguuf nu fayyadu: Kutaa 2ffaa


  1. Bilbila/Koompitara keenya yeroo hundumaa JECHA DARBII(Password)dhaan cufuu qabna. Kunis mi’a(device) keessan yeroo isin bira hin jirretti namni biraa akka hojii hin taane ittiin hin hojjanneefi deetaa keessan kan icciitii qabaachuu danda’u akka isin jalaa hin saaxilamneef fayyada.

Hub: Yeroo kamuu iddoo kamittuu #JechaDarbii[password] yeroo baafannu seeraaf heera Jecha darbii eeguudhaan,Jecha Darbii Cimaa, kan namni salphatti tilmaamee banuu hin dandeenye, kan salphatti yaaliidhaan argachuu hin dandeenye fayyadamutu nurraa eegama.

Yeroo Jecha Darbii(Password) tokko banannu, Akkas Seera Jecha darbiitti Ulaagaan jechi darbii(password) tokko guutuu qabu keessaa muraasni:

  • Kuusaa ykn walitti qabama Qubee a,b,c…z, Lakkoofsas ittidabaluu, Mallattoolee akka !@#$^&*? fi kkf itti dabaluudhaan yoo uumanne, namni biroo tilmaamus ta’ee yaaliin argachuu hin danda’u
  • Maqaa keessan, Maqaa Jaalallee keessanii/teessanii ykn Maatii keessaniifi Lakkoofsa bilbilaa tasuma hin fayyadaminaa.
  • Icciitii eeggachuuf Xaxaa gootanii ofii keessaniiyyuu yeroo biraa yaadachuuf kan isin rakkisu hin godhinaa, yaadannoo dhuunfaa irratti qabadhaa iddoo namni hin argine dhoksaa ol kaayaa.
  • koompitara ykn Mobile dhuunfaa keessanii kan yeroo hunda isin qofti fayyadamtan yoo hin taane, Jecha Darbii(Password) keessan akka yaadatu hin godhinaa. #DONOTSave jedhaa yeroo jalqaba, seentan.
  1. Yeroo Interneeta Fayyadamnu ofeeggannoo cimaa gochuu qabna. Marsaaritiiwwan hedduu interneeta irra jiran yeroo fayyadamnu, hedduun isaanii dhibee kanaan kan faalaman waan ta’aniif waanuma tasa nuti itti buune ykn cuqaafnetu bilbila keenya irratti fe’ama.

Hub: Qinqaniin uumama isaatiin #Saffisaafi amala #Maxxannee waan qabuufi, wanta barbaadeefi iddoo barbaadetti maxxanuuf akka tolutti yaadamee kan hojjatameedha.  Kanaafuu, balaa haala kanaan dhufu dandamachuuf mi’a keenya too’achuutu nurraa eegama, Koompitara yoo ta’e, #FarraQinqanii haaromsuu(updating Anti-virus), #Bilbila yoo ta’e  #Unkown Source Apps isa jedhu cufuu(OFF). Kunis:

#Qindaa’ina(Setting) –> Security–> Unknown Source App OFF gochuu qabna.

 

4. Ergaalee adda addaa, keessattuu ergaa ergaalee dookumatiin biroo itti qabateen(emails with attached documents) karaa teessoo Ergaatiin namoota nuti hin beeknerraa nuuf ergamu(Different Email from different unknown source) dubbisuu dhiisuu, keessattuu dookumantii itti qabate sana(attached document) banuufi buusuu hin qabnu.

  1. Cimdaa Interneeta Haadi-Maleessa(WI-FI) banaa ta’e ykn Jecha darbiitiin hin cufamin yoo argitan, osoo maalummaa isaa hin beekin, osoo kan eenyuu akka ta’e hin beekin ykn sababa banaa dhiifameef madda qabatamaa irraa adda hin baafatin hin fayyadaminaa. Yeroo isin cimdaa(network) banaa sana fayyadamaa jirtan sana bilbilli ykn koompitarri isin ittiin fayyadamaa jirtaniin sunis akkasuma daandii banaa kana keessa seena waan ta’eef abbaan barbaade ykn namni biraa cimdaa sana fayyadamaa jiru icciitiis ta’ee deetaa bilbila keessan keessa jiru salphamatti ilaaluu qofa osoo hin taane yoo fedhe garagalfachuu ykn balleessuus danda’a waan ta’eef.

Haalota Muraasa Asii olitti tarreeffamani kanaan #Qabeenyaafi Odeeffannoo dhuunfaa keenya, Mi’oota keenya(koompitara/Mobile/Tab..), Deetaafi Dookumantii keenyaaf eeggannoo gochuu dandeenya.


Waan isiniif ifa hin taane, Gaafadhaa,


HORAA BULAA DEEBANAA….✍️👈

👥: OROMO ICT TEAM!💤

E-mail: info@oroict.com
oromoict@gmail.com

ICT Web: www.oroict.com

Afaan Oromo Web:

www.afaan-oromoo.com

 

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Tolera Diriba
    December 29, 2017

    galatomaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *