Daldala Toorarraa Hanna Feesbuukii Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Odeeffannoo Daldalaa

Hoogganaan Olaanaan Facebook Mark Zuckerberg hardha Qophii F8 jedhu qopheesse

Ebla 30/2019(oroict.com)Mark Ibsa baldhaa galma ummanni hedduu hirmaatetti hawaasa fuuldura dhaabbatee dhiyeesse. Haasaan isaa Eegumsa marsaalee hawaasaa irratti kanfuullaffateefi Tajaajiloota adda addaa haaraa hojii eegalchiises himeera. Waggoota 15nan darban keessatti Feesbuukiifi Instaagraamii irratti fuulleffannee giddugala walfakkaataa walitti dhufeenya hawaasaa diriirsuu irratti fuulleffanne, giddugala dhuunfaa keessaniitiin addunyaa biraatiin itti walargitan, keessattuu odeessa keessoofi icciitenya daddabarsa kafaltii addaa addaarratti jedhe Mark haasaa isaa keessatti.

Muldhata kana qabatamatti jijjiiruuf ammoo ammas ‘Ergimtuu(Messenger) fi WhatsApp irratti kallattii hundaanuu hanga icciitenya guutumatti dhoksituu icciiitii hojjachaa jirra jedhe.
Ammas akka hawaasni keenya akka hiriyyootatti giddugaleeffannee FEESBUUKII bifa haaraadhaan Saxaxnee(Redesigned) jirra jedhe Mark.
Instaagraamii irratti bifa haaraadhaan meeshaalee adda addaa akkamitti bifa salphaan akka bitatan daballee jirra, WhatsApp illee gara giddugala kanaa fidnee akka Idil-Addunyaatti gadi lakkifna jedhe Mark.

Kan biraa gammmachuun isniif labsummoo bara kana Sagaleessituu gurraa haad-maleessa(headset with no cable) maqaan isaanii ‘Oculus Rift S and Oculus Quest’ jedhamu imala keessan irratti bilisaan akka socho’uu dandeessaniif kan oolu isiniif dhiyeessuuf akka tahe ibsuun barbaada jedhe Mark..

Haaluma tajaajila keenya haala adda addaatiin jijjiirama goonu keessattuu muldhata eeggumsaa irratti, nutis dhaabbata keenya akkataa toluun jijjiiraa deemna. Ogeeyyota ogummaa adda addaatiin nugorsan qabna gama daldalaatiin, gama hawaasummaatiin akka daandii gaarii qabannee gara fuulduraatti sochoonuuf. Xiyyeeffannoo guddaa Ijaartota(dagaagsitoota)f kenninuun mi’oota/sirna keenya seeraan dhimma itti bahuu duuka buuna akkasumas muldhata kana akka dhugoomsaniif ijaarsa sirnoota adda addaa taasisuun itti fufu.

Kun yeroo fudhachuu danda’a ammas deebii hundaa kennine jechuu mitii, garuu waan hundaa sirreessuuf xiyyeeffannoofi iftoominaan hojjachaa jiraachuu ibsuun fedha yaada jedhu guduunfee dhiyeesse Hoogganaan Olaanaan Dhaabbata guddicha Idil-Addunyaa Feesbuukii, Mark Zuckerberg.

 

oroict.com

 

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Mohammed
    September 12, 2019

    Waan gariidha

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *