Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Haala Duuffisaa haadmaleessa itti qindeessinu(How to setup our Wireless Router): OROMO ICT

Haala Duuffisaa haadmaleessa itti qindeessinu(How to setup our Wireless Router): OROMO ICT

 


Koompuutara keenya cimdaa amanfataa hadmaleessa(wireless neywork adapter) qaburratti Duuffisaa haadimaleessa(wireless router) qindeessuun salphaafi waliindha kaka’aa(active connection) uumuuf oola. yeroo tokko tokkos cimdaa amanfataa koompuutara haada qabu(wired network adapter) nu barbaachisuu danda’a, kanneen bifa baxxeetiin jiru(disk packaged) ykn bilisaan karaarraa argannu (available for free online) keessattuu marsariitii duuffisa haadmalee sana hojjate irraa.

Koomputara ‘WINDOW 7″ irratti Duuffisa haadmalee(wirless router) kana qindeessuuf trtiiba kanaa gadii hordofaa.

  1. Haada “Ethernet” fayyadamuun Duuffisa Haadmalee(wireless router) kana Moodeemii(Modem) wal qunnamsiisaa
  2. Duuffisaa(Router) keessan humna ibsaa(Power) dhaan walqunnamsiisaa, xiqqoo eegaa.
  3. Sajoo cimdaa (Network icon) cuqaasaa
  4. Filannoowwan cimdaa haadmalee(wireless network) jiran keessaan kan keessan filadhaa. Hub: Maqaan keessan jalqabaa maqaa dhaabbata Duuffisaa(Router) keessan sana oomisheeti.

Moosajii ijaarsaatiin yoo fayyadamne Duuffisaa keenya ijaarre  immoo (If we use Setup software to set up our router):

  1. Duuffisaan haadmalee keenya(Our Wireless router) gutumaan guututti koompuutara, Moodemiifi Humna ibsaatiin wal gadi lakkisiisuu keenya mirkaneeffachuu qabna.
  2. Koompuutara keenya irratti Baxxee(Disk) Duuffisa(router) keenya wajjiin dhufe ykn Marsariitii dhaabbatichaarraa gadibuufne(downloaded) fayyadamuu qabna.
  3. Tartiiba isaa koomputara keenyarraa hordofnee sirreessina

 

Duuffisa keenya Hujeekaan yoo ijaarru immoo(Manually Configure your Router)

  1. Haada ‘Ethernet’ fayyadamuun Duuffisa Haadmaleessa(Wireless router) moodemii wajjiin walqunnamsiisaa.
  2. Duuffisa Haadmaleessa humna ibsaa(power) dhaan walqunnamsiisaa. Xiqqoo eegaa, Duuffisaan keenya akka hoojachuu danda’u mirkaneeffadhaa.
  3. Haada Etherneetaa fayyadamuun Duuffisa Haadmalee keessan koompitara keessaniin walqunnamsiisaa.
  4. Fuula Saphaphuu (Web interface) fayyadamuudhaan kabala saaphaphuurratti(web address bar) irratti galchaa. teessoon kunneenis: http://192.168.1.1, http://192.168.0.1, or http://192.168.2.1.

 

  1. Maqaafi Jecha darbii duraanii(Default username and password) itti galchaa. Fkn: username=admin, password=admin. Yeroo hedduu barreeffama Duuffisa(Router) sana wajjiin bitamu irraa arganna.

  1. Fuula saaphaphii kana fayyadamuun Maqaa cimdaa keenyaa(network name) fi Jecha darbii(password) qindeessu dandeenya.
  2. Kana booda koompitara keenya duuffisa haadmalee kanarraa walgadi lakkisiifnee, koompuutara keenya haadmalee walqunnamsiifna(connecting wirelessly) jechuudha.

Hub: Cimdaa inerneeta haadmalee[wireless network] keessan kana namootni addaa addaa hayyama keessan malee akka hin fayyadamneef Jecha darbiitiin iccitessuun gaariidha.

 


Cimina, Dhadhabina, fi Waan Isiniif ifa ta’uu dide irratti Yaada keessan nuuf kaayuu hin irraanfatinaa


 

HORAA BULAA DEEBANAA
OROMO ICT TEAM!

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Akka feetee
    April 18, 2017

    Yeroo baayyee afaan oromoo ati fayyadamte afaan waalta’etti otuu fayyadamtee gaariidhiifkn

    Duuffisaa . Cimdeessaa ;sajoo loqoda biyya kamii akka taheehuu hin beekkamu

    Ammasitti barumsa kanarraa namni waa hubachuu hin dan dau so kanaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *