Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Deetaa Facebook irraa nu jalaa bade akkamitti deebifanna?: OROMO ICT

Deetaa Facebook irraa nu jalaa bade akkamitti deebifanna?: OROMO ICT


Facebook keenya irratti waan maxxansine(posts), suuraa keenya(pictures), Ergaa keessaa(inbox) Suursagaleefi wantoota biroo akka tasaa yoo balleessine(Delete) goone akkaataa kamiin argachuu dandeenya? Tartiiba kana hordofaa #Share || #Like  || #Comment

Namni wantooa armaan olitti eeraman kanneen tasa beektaniis ta’ee osoo hin beekin of jalaaa balleessitan tartiiba kanaa gadii hordofuun deebifachuu dandeessu.

  • Eenyummeessaa Facebook keessan seenaa (Login to your account)
  • Gama harka mirgaa irraa qindaa’ina(Setting) seenaa

  • Gama Bitaarraa Qindaa’ina waaltawaa(General Setting) cuqaasaa
  • Qindaa’ina waaltawaa harka mirgaa irratt banamu garaa jala gadi yoo buutan Garagalcha Deetaa Facebook keessanii gadi buusi(DOWNLOAD YOUR COPY OF YOUR FACEBOOK DATA) jedhu argattu. isa cuqaasaa.

  • Hidhaa kana yoo cuqaaftan Fuula haaraa fidee, “START MY ARCHIVE ” isa jedhu kan suuraarratti argitan kana isinii fida. Sana booda yoo qabduu “Start My Archive” jettu sana cuqaafne, Eenyummaa keenya mirkaneeffachuuf Jecha darbii[PASSWORD] eenyummeessaa Facebook keenya fi Gaafilee icciitii nu gaafata. Jecha darbii keenyaafi Gaafilee icciitii  sirrii galchuu qabna.

  • Sana booda ergaan gabaabaan dhaabbata Facebook irraa “The Download link will be sent to your email id which you use to create facebook account” isinii jedha. Kunis Hidhaan deetaa keessan irraa gadi buufattan teessoo ergaa E-mail keessanii kan Eenyummeessaa Facebook keessan ittiin banattanitti isiniif ergama akka jechuuti.
  • Sana Booda Teessoo ergaa(E-mail) keeenya bannee ilaaluu nu barbaachisa. Xiqqoo turuu mala, obsaan eeguu qabna. Sana booda hidhaan(link) dhaabbata Facebook irraa nuu ergamu yoo dhufe, yoo bannu GADIBUUSI ykn “DOWNLOAD” isa jennu cuqaafna

  • Sana booda gadi buufnee yoo xumurre, Deetaan keenya bifa cottoonfatee marameen jira(Zipped format, .zip) qabaata. Isa kana hiikuun(extract) gochuun waan asiin dura Facebook irratti hojjachaa turre hunda argachuu dandeenya.

 


HORAA BULAA DEEBANAA….✍️👈

👥: OROMO ICT TEAM!💤

E-mail: info@oroict.com

Web: www.oroict.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *