Feesbuukii Afaan Oromoo Leenjii fi Gorsa TQO

Tajaajila Hiikkaa Facebook Afaan oromoofi Haala itti Fayyadama isaa: OROMO ICT

Tajaajila Hiikkaa Facebook Afaan oromoofi Haala itti Fayyadama isaa:OROMO ICT


Hirmaannaan Hiikkaan Facebook gara Afaan oromootti godhamaa jiru hedduu kan nama gammachiisuufi saffisaan raawwatamaa kan jiru ta’uu isaa ragaleen dhaabbatichuma Facebook irraa argame kan yeroo yerotti dhibbeentaan kaawwamee agarsiisu ifa godha.

Haaluma kanaan yerooammaa turtii torbaan tokko hin caalle keessatti dhibbeentaa 31% irra kan gahe yemmuu ta’u, Hirmaannaan ilmaan Oromoo biyyoota garagaraa irraa osoo dhiimi kun ana hin ilaallatu hin jedhin, xiqqaan guddaan, laafaan jabaan, beekaan, wallaalaanis hanguma beekkumsa isaatiin wal tumsanii halkaniif guyyaa boqonnaafi hojii dhuunfaasaanii gadi lakkisanii hojjachaa waan jiraniif akka ta’e ifa galaadha. Kanaafuu GALATA GUDDAA SABA BIRAA QABU!

 

Keessattuu, Qeerroofi Qarreen biyya keessaa Rakkoolee jireenyaa heddu cabsanii,biyya Interneetiin Addunyaa irraa itti qaalii ta’e Itoopiyaa taa’anii hojii seena qabeessa kana keessatti gahee adda durummaa bahaa kan jiran hedduu waan ta’aniif, Maqaa Ummata Oromoofi Garee OROMO ICTtiin GALATA GUDDAA GALCHUUFII BARBAADA. Hub: (Akka ragaan BBC bara 2017 himutti Xoobiyaan lammiisheerraa, nama tokko irraa Baasiin interneetaaf kafalchiiftu galii namni sun argatu irraa dhibbeentaa 20 ykn 20% akka ta’e addeessee, akka seera addunyaatti garuu 2% oli kafalchiisuun dhoowwaa akka ta’e eera).

 

AKKAATAA ITTI FAYYADAMA FACEBOOK AFAAN OROMOO

  • Jalqabarratti Facebook keenya Koompitara irratti banuu qabna.(login to your Facebook on Computer).
  • Qindaa’ina keessa seenuun ykn Facebook keenya gara harka mirgaa qindaa’ina(setting) jala gadi buunee mallattoo “+” cuqaasuu

 

  • Afaanota hedduu nuuf dhufu keessaa gara gadii buunee “OROMOO” isa jedhu filanna.

  • Sana Booda Facebook keenya yeroo Koompitarairratti bannu hundaa, Dhibbeentaa %dhaan miila jala Facebook keenyatti nutti agarsiisa.

 

  • Hiikkaa irratti Hirmaachuu yoo feene immoo, Dhibbeentaa sana cuqaasuun “OPEN TRANSLATION APP” isajedhu cuqaasuun, gara Fuula hiikkaa deemna.

 

  • hidhaa(link) kanatu dhufa “https://www.facebook.com/translations/ “

Haala kanaan Hirmaachuun kan danda’amu yommuu ta’u, namootni bifa haaraan hirmaachuuf deeman deeman dursnii fuula kanarraa gara harka mirgaatii, “TRANSLATION APP GUIDE” isa jedhu bananii dubbisuun haala ittiin hojjachuu danda’an baruu qabu.


HORAA BULAA DEEBANAA✍️👈

👥: OROMO ICT TEAM!💤

E-mail: info@oroict.com

Web: www.oroict.com

 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *