Feesbuukii Afaan Oromoo Marsaalee Ammee

Jijjiirama Afaan Oromoo agarsiisaa jiruufi, HIIKKAAN FEESBUUKII AFAAN OROMOO dabalatee Maaltu JIRA?

Jijjiirama Afaan Oromoo agarsiisaa jiruufi, HIIKKAAN FEESBUUKII AFAAN OROMOO dabalatee Maaltu JIRA, Ibsa Gabaabaa kana waliif dabarsaa.


YAADACHIISAA fi WAAMICHA Hayyoota Afaan Oromoo, Ogeeyyii Koompitaraafi Ilmaan Oromoo Maraaf HIIKKAA FEESBUUKII AFAAN OROMOO ilaalchisee.

Afaan keenya Afaan Oromoo, bu’aa bayii heddu keessa darbullee yeroo ammaa wareegama hanga lubbu hayyootni keenya kennaniin as gahee nutti kennameera, Ammas dhamaatiifi dadhabbii ilmaan Oromoo waanuma danda’aniif hanguma danda’aniin tattaafachaa jiraniin sadarkaa lubbuun jiraachuu bira darbee guddina saffisaa agarsiisaa jiruun Afaanota gurguddoo Addunyaa 103 jedhamanii tarreeffaman keessa galuuf yeroonsaa waan fagoo iru hin fakkaatu.
Kanumaan walqabatee Baay’inni hawaasa Afaan kana dubbatuu olaanaa ta’uun immoo Dhaabbatoota Addunyaa gurguddoo qalbii kan harkise ta’us Asiin dura gama teekinoolojiitiin tattaaffiifi hojiin lafa kaa’ame hedduun waan hin jirreefi kan jirus dogoggora guddaa kan qabu waan tureef RAGAAN Qabatamaa Afaanichi dubbattoota hangana hedduumatu qabaachuu ibsu waan hin jirreef imala Afaanichi eegale kana hanga xiqqoo sakaalee ture.
Haa ta’uu malee yeroo ammaa tokkummaadhaan ilmaan Oromoo biyya garagaraa jiran xiyyeeffannaa itti laachuudhaan, hojitti seenanii wantootni akka sabaatti nu boonsanis, akkasumas Guddina Afaan kanaa dachaan dabaluu danda’an hedduun hojiirra jiraachuu isaati.
Isaan Keessaa Muraasni:
1) Jaatanii Guddicha Afaan Oromoo(JGAO).. kan yoo xumurame Afaan keenya Afaanota gurguddoo jenne kanneen wajjiin akka nuuf hiriiru akkasumas afaanota gurguddoo 103 jedhaman kanatti kan nuuf hiiku dha.
2) Hiikkaa Feesbuukii Afaan Oromooti. Facebook yeroo ammaa dhaabbata guddaa Addunyaa kan ta’eefi Afaanota dubbattoota hedduuminaan qabaniif afaan isaaniitiin akka fayyadaman kan hojjachaa jiru yoo ta’u, Afaan Oromoo carraa kana argachuun ammas Afaanota gurguddoo wajjiin kan isa hiriirsisuudha.
3) Moosajiilee(softwares) fi Fayyadamaan(App) heddu kan hojjatameefi hojjatamaa kan jiruudha.

Hardha, wanti waamicha isinii gooneef, Haala Feesbuukii Afaan oromoo irratti yaada gabaabaa isin jijjiiruuf.
Tajaajilli hiikkaa kun kan eegale naannoo ji’a afur kan lakkoofsise ta’us ilmaan Oromoo biyya garagaraa irraa hirmaannaa hoo’aa gochuun hojiin nama boonsu hojjachaa turaniiru. Kanaanis yeroo ammaa dhibbeentaa 56 (56%) irra gahee jira. Kun dhugaa dubbachuuf waan nama boonsuudha. Ilmaan Oromoo haalli Oromiyaa keessa jiru osoo hin daangessin namni hedduu gahee isaa bahaa, Afaan kana Afaan Hojii dhaabbata facebook gochuuf tattaaffiin cimaan godhameera.

HAATA’UU MALEE, Amma Maal Irra Jira, Hojiin Hojjatame hoo Hojii sirriiti moo hirdhina qaba? Gaaffilee kana tartiibaan:
1) Hojiin Hojjatame: hanga ammaatti Gaariifi Saffisa guddaa dhaan kan hojjatame ta’us hirdhina heddu qaba. Isaanis:
-Hanqina Seerlugaa(Grammar Errors)
-Hanqina Qubeessuu(Spelling Errors)
-Hanqina Jechoomsuu(wrong style or wording)
-Hanqina Hiikkaa(wrong meaning) fi kkf kan qabuudha. haqinoota jiru keessaa muraasa suuraalee maxxansa kana wajjiin dhoobame irraa ilaalaa.
Rakkoon ykn Hanqinni kun akka furamuuf immoo hojiin irra deebi’amee Gulaalamuu HAYYOOTA AFAANIITIIN, Ogeeyyii Koompitaraafi Hayyoota Ilmaan oromootiin hojjatamuun dirqama ta’a, ta’uu baannaan Afaan keenya dogoggora keessatti kufee kan hafu ta’a.

2) Amma Maal irra jira isa jedhuuf immoo: Gaaffiin kun haala yeroo isa Oromiyaa keessa jiruun kan walqabatu ta’us ilmaan Oromoo itti gaafatamummaa osoo namni nun dirqamsiisin ofuma keenyaa fudhannee hojii kana eegalle sun irraanfachuu akka hin qabneedha. Gabaabumatti yeroo ammaa Namootni hedduu kanneen duraan gahee guddaa taphachaa turan hirmaannan isaanii hedduu kan gadi bu’eedha, sunuu gara filachuu(vote) irratti malee hiikuuf fa’a kan qabbana’e jechuu dandeenya.
Yeroo ammaa sadarkaa hima hiikuutti seenamee waan jiruuf, himoota xaxamaa kakkeen hiikuuf ogeeyyiifi hayyoota kan barbaachisu akka ta’e ifa galaadha.

Walumaagalatti, Namni kamuu wanti hubachuu qabu, Guddinni Afaan Oromoo, Guddina Siyaasaa, Hawaasumaafi Diinagdee Oromootiin kan walqabate ta’uu hubannee, Afaan kanaafi xiyyeeffannoo addaa laachuufiin barbaachisaadha. Hojiileen jalqabaman fiixaan bahuu akka qaban cimnee hojjachuufi gama hundaan waan dandeenyu akka gumaachinu GAREEN OROMO ICT fi AFAAN OROMO – Oromo Language waamicha dhiyeessa.


HORAA BULAA DEEBANAA….✍️👈
👥: OROMO ICTf AFAAN OROMO – Oromo Language TEAM!💤
E-mail: info@oroict.com or info@afaan-oromoo.com
ICT Web: www.oroict.com
Afaan Oromo Web: www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *