Feesbuukii Afaan Oromoo Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

GORSA Fayyadamtoota Facebook biyya keessa jiraniif:- Ferhan Abdulselam

GORSA Fayyadamtoota Facebook biyya keessa jiraniif:- Ferhan Abdulselam


GORSA aktiivisoota biyya keessa jiraniif:

Facebook keessan lakkoofsa mobile dhaan banachuu irra gmail filatamaadha. Sababnis mobile keessan ethio telecom too’achuu waan danda’uuf, yoo isinitti xiyyeeffatan mobile keessan gara ofii deebisanii facebook keessan garagalfachuuf isaaniif salphata. Haalli kun email ni ilaallata yoo lakk mobile akka recovery itti fayyadamte.

TOOFTAA:

Gmail banadhaa. Mobile keessaniin erga verify gootanii booda, email biraa ( fkn, outlook banadhaa). San booda email 2ffaa akka ‘recovery email’ godhaa fayyadamaa. Erga kana gootanii gmail keessan keessa seenuun ‘My account’ tuquudhaan ‘Personal info & privacy’ seentanii bakka ‘Your personal info’ jedhu keessa lakkoofsa mobile irraa balleessaa, garuu ‘recovery email’ jiraachuu mirkaneessaa. Yoo gaafa biraa gmail verify godhi jedhee si gaafate ykn password isaa irraanfatte code email 2ffaatti sii erga jechuudha. facebook keessan gmail deebifattu san booda.

Yoo haala kanaan fayyadamtan mootummaan hanga fedhe yoo facebook fi email kee too’achuu barbaade karaan cufame jechuudha.

*Yeroo hunda password gmail dhaaf fayyadamtanii fi kan facebook fayyadamtan wal fakkaachuun hin qabu. Sababnis yoo kan email keessanii beekan facebook keessan too’achuu danda’u. Yoo adda adda gootan tokko argatanis too’achuu hin danda’an.


HORAA BULAA

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *