#Sagantaa Leenjii – Waa’ee Leenjii Gabaabinaan- #oroictAcademy
Leenjiin keenya kan kennamu karaa toora #interneetaan yommuu tahu, #System of danda’e kan #Marsariitii(Website) fi #MobileApp qabuun kennina.
Leenjiin keenya #Garee A fi B kan qabu yoo tahu;
Gareen A –Garee itti-Fayyadama Tekinoolojii Hubannoo qabu tahee kallattumaan Interneetarraa Galii argachuuf ykn kan argataa jiru olguddifachuu irratti xiyyeeffachuudhaan leenjii kennamu, Laanjiin kallattiidhaan
– Gahumsa dhuunfaa madaaluu fi cimsachuu,
– Milkaa’inaa fi imala Namoota Milkaa’anii,
– Fakkeenyummaa, Adda-durummaa
– Adeemsa #interneetaan hojii uummachuu keessatti tooftaalee adda addaa irratttti fuulleffata. Tooftaalee interneetaan #galii argachuu 100 ol barsiisuuf kan yaadame ta’us #tooftaalee bu’aa gurguddaa argamsiisan irratti xiyyeeffannoon guddaan kan kennamuudha,
Leenjichis hanga baatii 1f walakkaatti ni raawwata jedhamee yaadama.
Gareen B ammoo Tekinoolojiiwwan bu’uuraarraa kaa’uudhaan
– Maalummaa Tekinoolojii
– Faayidaa fi Miidhaa tekinoolojiin qaqqabsisuu danda’u
– Imala(Dhufaatii, Guddina, Fuulduree, Faayidaafi Miidhaa) Tekinoolojii Odeeffannoo(Information Technology). As jalatti, Maalummaa TQO(HW & SW), Interneetaa, Nageenya Interneetaa(internet Security), Cimdaa(Network), Kuusdeetaa, fikkf
– Addunyaalessummaa (Globalization)
– Dhufaatii Marsaalee Hawaasaa(Bu’aa fi Miidhaa)
– Kanneeniif kkf…
#Xumurarratti Barnoota #GareeAtti darbuudhaan leenjicha ji’oottan 3n dhufanitti nixumurama jennee abdanna.
1) Guyyootni leenjiin kennamu torbaanitti lama lama akka tahu kan yaadne tahus, #marii waliiniirratti kan murtaayu taha.
2) Guyyaa fi Sa’aatiin leenjiin kennamu marii waliiniitiin kan murtaayu tahus, Namootni #leenjii akka fudhatan gareen
oroict.com Solutions #Eenyummeeesa(Account) baneef sa’aatii leenjiif jedhametti argamuu dirqama hin qabu, Biyya keessaayis tahee biyya alaatii #yeroo isaaf mijatutti karaa Marsariitii ykn #App Mobile #oroictAcademy seenee leenjiisaa iddoo jiru/dhaabe irraa itti fufee barachuu danda’a.
Dabalataanis #barsiisaan hojii garee ykn Qormaata yoo qopheessee ji’aate #online dhuma odeeffannoo isiniif waan kennamuuf Qormaatas system ofumaa sa’aatii waan kennuuf qoramuu ykn hojii gareetis online dhuma waliin dubbachaa ykn waliif barreessaa hojjachuu akka dandeessanitti kan qophaaye waan taheef, #leenjichi fedhii hunduma keenyaa akka guutuu danda’utti yaadamee kan qophaayee fi #Muuxannoo Koollejoota biyya #Ameerikaa kanneen #online leenjii kennaan irraa fudhanne fayyadamne waan taheef ni hin yaadda’inaa
3) Namootni ammas leenjichi akka isin hin darbine gaafachaa jirtan, #Kafaltii barbaachisu baankitti raawwattanii nagahee karaa email keenyaa yoo nuuf ergitan #account banamee isiniif ergama.
Odeeffannoo fi Unkaa Kafaltiin walqabate odeeffannoo Guutuu asirraa buufadhaa
Kaayyoon keenya hawaasa keenyaaf furmaata Tekinoolojii tahuudha.
Odeeffannoo dabalataatiif #TELEGRAM keenya https://t.me/oroict_solutions hordofaa
Garee oroict.com Solutions
Muraad
September 27, 2021Muraad