Teessoo Ergaa[Email] Haaraa Banachuuf:- OROMO ICT
Akkaataa ykn Tartiiba Teessoo Ergaa[E-mail] Haaraa ittiin Banachuuf isin gargaaru.
Teessoon ergaa namootni odeeffannoofi Deetaa garagaraa walii erguuf kan itti tajaajilaman yommuu ta’u yeroo tokko tokko akka Maqaa dhuunfaa kan nama tokko qofa bakka bu’utti tajaajila. Kana jechuun Teessoon ergaa kun Namoota adda addaatiif akka lakkoofsa Eenyummaatti kan kennamu waan ta’eef kan nama tokkoo kan nama biraatiinn walhin fakkaatu.
Yeroo ammaa addunyaa kana irratti Tajaajilli Teessoon Ergaa kun dhaabbata garagaraa kanneen akka YAHOO, GOOGLE, HOTMAIL fi kkfniin kan kennamu yoo ta’u Salphaatti Eenyummeessaa kana Banachuuf i itti tajaajilamuuf kan nu gargaaru keessaa tokko Teessoo Ergaa Google irraa argannu kan GMAIL gedhamuun beekkamu ilaalla:
Gmail, Gosa teessoo ergaa kan dhaabbata Googletiin kennamuudha.
Eenyummeessaa Gmail banachuuf tartiiba armaan gadii hordofaa:
- Hidhaa armaan gadii banaa ykn Google Banaa
- http://www.google.co.uk ykn
- http://www.google.com
- Irra keessa [gubbaa] gara harka mirgaatti GMAIL kan jedhu cuqaasaa
- Namootni duraan tajaajilamoo ta’an ‘SIGN IN” kan jedhu cuqaasuun yoo seenu, kanneen Haaraa banachuuf barbaadan immoo “CREATE AN ACCOUNT” isa jedhu cuqaasuu qabna.
- Dhaabbanni Google Eenyummeessaa haaraa nuuf banuuf Odeeffannoo muraasaa waa’ee keenya beekuuf isa gargaaru nu gaafata. Odeeffannoo barbaachisa ta’e sana seeraa guutuutu nurraa eegama.
As keessatti “Username[Maqaa dhuunfaa]” kan jedhu eenyummeessaa keenya kan nama dhuunfaa qofaaf kennamu waan ta’eef kan adda ta’e fi nu ibsuu danda’u filachuu qabna. Haaluna kanaan Teessoon Ergaa keenya bifa Username[Maqaa dhuunfaa]@gmail.com qabaata jechuudha.
Dhumarratti ‘I agree to the Google terms of service and Privacy Policy’ jedhu filachuun “Next Step>>” jedhu cuqaasaa.
- Yoo Username[Maqaa dhuunfaa] isin filattan kan nama biraatiin qabamee jiru yoo ta’e, Maqaan dhunfaa isin filattan sun akka qabamee jiru isinitti himee achumaan filannoo biraa kanneen maqaa isin filattan sanaan walitti dhiyaatu isiniif fiduun isin filachiisa.
Yeroo kana Odeeffannoon barbaachisoon dura guuttan sun haqamuu danda’a waan ta’eef irra deebinee ilaallee guutuu nu barbaachisa.
- Yeroo Odeeffannoo barbaachisoo Unkaa Galmee Google kana guuttan wanti irraanfatamuu hin qabne Jechaa Darbii[Password] eenyummeessaa keessaniif yeroo filattaniidha.
Jechi darbii iddoo lamatti kan guuttamu waan ta’eef walfakkachuu kan qabuudha.
Jechi darbii murteessaafi icciitii abbaan eenyummeessichaa qofti beekuu qabu waan ta’eef“:
- Jabaa ta’uu qaba ykn Namni biraa salphatti kan hin tilmaamne ta’uu qaba.
- Yoo xiqqaate baay’inni isaa dijiitii 8 ol ta’uu qaba.
- Ofii keessaniif salphatti kan yaadattan ta’uu qaba.
- Maqaa dhuunfaa ta’uu hin qabu
- Mallattoolee(!@#$%^…), Lakkoofsota(12345..) fi Qubeen(abcd…) walitti makuudhaan banachuu qabdu. Fkn Oromoict@pa$$word!
Gara dhumaarrattimmoo Lakkoofsa ofumaan barraayee muldhatu[CAPTCHA] jedhamu tokko kan lakkoofsuma sana nutis irra deebinee barreessinu waan ta’eef kunis Koompuutarri sun namni eenyummeessaa haaraa banachutti jiru sun nama ykn waan biraa ykn Roobotii ykn virus ta’uufi dhiisuu addaan baafachuuf gargaara.
- Odeeffannoo barbaachisan fuula kanarratti erga guutnee booda “NEXT STEP” kan jedhu cuqaasuun Eenyummeessaa dhuunfaa haaraa Banuu dandeessu. Yoo Suuraa itti galfachuu barbaaddan “Add Photo” jechuun itti galchuu dandeessu.
Yoo hin Barbaadne ta’e immoo “NEXT STEP” cuqaasuun Eenyummeessaa keessan haaraa baname argachuu dandeessu. Qajeellomaan gara “INBOX” deemuun Ergaa jalqabaa dhaabbanni Google Baga Gammaddan jedhee isiniif ergu ilaaluu dandeessu.
Haala kanaan Eenyummeessaa Haaraa dhaabbata Google irraa argachuu dandeessu.
OROMO ICT
[sgmb id=”1″]
Fufaa
February 14, 2017Jabaadhaa
Abdisa
February 14, 2017Galannii keenya guddaa dha.
Nsr
February 17, 2017Hubanno akkana babbareda kana nuf kennu keessanif baayye galatooma haala kanan cimtani itti fufnan oromon Hundi wa heddu isinirra barata
GALATOOMA