Barnoota Moobaayilaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Yoo Namaa bilbiltan Lakkoofsa Keessan dhoksuuf

 Yoo Namaa bilbiltan Lakkoofsa Keessan dhoksuuf


Yoo nama tokkoo bilbiltan Lakkoofsi keessan lakkoofsa hin beekkamneen ykn lakkoofsa isin bilbiltaniin osoo hin taane lakkoofsa biraatiin akka nama itti bilbilame sana birratti muldhatu gochuun ni danda’ama.
Tajaajila kana fayyadamuu namni barbaadu, Tartiiba kanaa gadii hordofaa:
1) Bilbila keessan banaa [Tap Phone]

2) Tartiibni kun akkaataa qafoo keessaniitiin gargar ta’us TUQAA SADI[MORE] jedhu barbaadaa cuqaasaa.

 

3) Itti Aansuun SETTING ykn CALL SETTING Seenaa

 

4) Ammas Tartiibni kunis akkaataa Mobile keessaniitiin gargar ta’uu danda’a, ta’us CALL kan jedhu cuqaasaa.

 

5) MORE SETTING ykn ADDITIONAL SETTING Seenaa

 

6) CALL ID, SHOW CALL ID ykn SHOW MY CALLER ID cuqaasa

 

7) HIDE NUMBER kan jedhu Filadhaa

 

Tartiiba kana seeraan hordoftanii guuttannaan, yeroo nama biraatii bilbiltan Lakkoofsi keessan nama bilbiltaniif sana biratti hin muldhatu.

 

 


OROMO ICT

[sgmb id=”1″]

Author

abdiisaa

Comments (14)

  1. BELAY
    February 13, 2017

    Galatoma U are Special

  2. nanat
    February 13, 2017

    0777777777 kanjedhu barreessinaa

    • Hamzaa Hajii
      March 11, 2017

      Baay’ee galatoomaa!!!!!!!!

    • Hamzaa Hajii
      March 11, 2017

      Baay’ee galatoomaa waan hedduu baranne Galata guddaa argadhaa!!

  3. Tahir Awel
    February 13, 2017

    Galatooma !!
    Baay’ee namattii tola.

  4. abdijeilan15
    February 14, 2017

    caller id kiyya hide ta”ee jira hin banamu maaliidhaafi laata

  5. abdi
    February 14, 2017

    bareedadha itti Fufaa

    • Naol Merga
      August 29, 2017

      Caller ID hide godhee jiraa akkamiinan active taasisa adaraa?

  6. Hamdi
    February 15, 2017

    Akka isi. Jettanitti guuteen ture. Garuu gaafan nama biraatti bilbilee ilaalu lakk. Koo ni mul’isa

  7. jemal
    February 15, 2017

    Yoo ID hide godhuu nama irraatti yaaluu ofiirraa darba maaliif

  8. Yonas Abera
    February 16, 2017

    Baayyen isiin jaaladha nuuf jiraadhaa
    umuriin keessan nuuf haa dheeratu
    barumsaa keessaniif gudaa(…) galatooma

  9. Leti
    March 24, 2017

    Ammayyuu bilbilakoo ni mullisa

  10. Abduljabbaar Muhammad
    September 20, 2017

    Mobile X-TIGI jedhamuun yoo fayyadamuu barbaade akkamin godha? ajaja isin tarreessitan kanaan wal hin fakkaatu.
    X-TIGI’ n akkana jedha:
    Setting>call setting>Hide ID jedhee jalatti filannnoo sadi naa kenne.
    1.Hide ID dha. Afaan Oromoon “WE (ID) dhoksi” jedha.
    =Inni kun ani nan bilbila yoon jedhe naa bilbilu, garuu namni yoo naa bilbile ni hojjata.

    2.Display own ID jechuun “WE(ID) kiyya agarsiisi” jedha.
    =Inni kun immoo faallaa isa 1ffaati.
    Ani namaa nan bilbila garuu namni naaf bilbiluu hin danda’u.

    3.Display ID by network jechuun “WE[ID] cimdaan argisiisi” jechuudha.
    =Kun immoo Ni fudhatas(Receive) ni seenas(Dial).
    Isaan lamaan duraa tajaajila tokko tokko qofa kennu inni sadaffaan garuu bilbilas ni fudhata, ni bilbila.

    Egaa kan akkanaa kun maal haa ta’u?

    Tajaajilli akkanaa kun Mobaayila hundarratti ni hojjata yoo ta’e karaadhuma an tarreesse kanaan ala falli yoo jiraate nuu eeraa.
    Fknf haala koodiitiin.

    Mobile icha yaaliidhaan yoo laaluu feetan maqaansaa X-TIGI dha.

    Galatoomaa deebii naan dhaqqabaa.

  11. ifarganblog
    April 15, 2018

    “Additional setting” jala ergan seenee booda “Caller Id” kiyya disable na jalaa godhee jira. sababnisaa maali? Bilbilli kiyya HUAWEI dha

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *