Barnoota Moobaayilaa Marsaalee Ammee

Mobile Oomisha Duraa[#Original] ta’uu akkamitti beekuu Dandeenya: OROMO ICT

Mobile Oomisha Duraa[#Original] ta’uu akkamitti beekuu akka dandeenyu.


Yeroo hedduu Mobile yeroo bitachuu barbaaddan Ulaagaalee barbaachisaa ilaaluu qabdaniifi Oomishni Mobile tokkoo Oomisha duraa ykn Xabboo[Original] ta’uu akkamitti beekuu akka barbaaddan nu gaafachaa turtan. OROMO ICTnis Ibsa barbaachisaa kennaa ture.

Haata’uu malee Maloota kanaan duraa sana caalaa malli SALPHAA fi SIRRIIn kan asii gaditti tarreeffaman kana ta’uu irra geenyee jirra.
• Device Status isaa #OFFICIAL Jechuu qaba.
• Lakkoofsi Oomisha Mobile Sanaa[IMEI] kan Lakkada Gabaabaa ykn *#06# dhaan nuuf dhufu Lakkoofsa IMEI Mobile sanaa kan #STATUS keessa jiruun yoo wal fakkaate qofaadha.

Tartiibni Kana ittiin beekuu dandeessaniin akka armaan gadiitti ta’a:
• 1ffaan, Mobile keessan Baafata[Menu] seentanii—>>Qindaa’ina[Setting] seentanii–>> Gara gadii gadi buutanii Waa’ee Bilbila kanaa[About Phone] isa jedhu saaqxanii–>> Haalhojii[Status] isa jedhu bantanii ammas gara gadii gadi buutanii Device Status isa jedhu jalatti OFFICIAL yoo jedhe Oomisha isa sirrii[Original]dha.
• Jalqaba IMEI qafoo sanaa mala *#06# jedhuun ilaalaatii, Lakkoofsa[IMEI] isinitti muldhate sana osoo hin daganne Tartiiba 1ffaa jalatti eerame hordoftanii Haalojii[Status] keessa seentanii ammas IMEI isaa ilaaltu. Lakkoofsi garasitti ilaaltaniifi kun walfakkaata taanaan Mobile sun oomisha jalqabdaa[Original]dha.
Maloota kanaan Mobile isa sirrii bitachuu dandeenya.
Maxxansa kana #SHARE gochuun Namootni hedduun akka fayyadaman godhaa. ..

 


HORAA BULAA DEEBANAA
O R O M O I C T

[sgmb id=”1″]

Author

abdiisaa

Comments (10)

  1. Tahir Awel
    February 16, 2017

    Galatomaa galannii keessaan yoommu hin badii saboontota
    Teenyaa qalii! !!

  2. Gadisa
    February 16, 2017

    Galatoomaa beekumsi keessan dachaan isiiniif haabayyatu.

  3. muhammad
    February 16, 2017

    Bay ee garriidha

    Kanafu
    itti
    fufaa

  4. Umar Tusaa
    February 20, 2017

    Gaaffii isin gaafachuun danda’amaa?

  5. Umar Tusaa
    February 20, 2017

    Yoo danda’ama ta’e Simi haaraa kan 3G (free data), (kan MB 300) qabu yoo bitadhe gara simi kiyya kan duraaniitti dabarsuu danda’aa?

  6. mahir Belete
    March 29, 2017

    galatooma hayyoonni keenyaa

  7. Hirko
    April 19, 2017

    Ulfaadha!

  8. FUAD AHMED SHARO
    April 22, 2017

    JAJJABAADHU KANA CAALAA

  9. Naaftolii Hussein
    May 9, 2017

    Hedduu Galatoomaa Qomoowwan koo Haaluma kanaan jabaadhaa itti nuuf fufaa
    Beektota akka keessanii kana qabaachuu keenyaaf gammachuu guddaatu natti dhagahama ana akka lammii oromoo tokkootti

  10. hashim
    August 2, 2017

    hedduu itti gammadeera jabaadha warri qomoo keenya

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *