Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

#Oduu_Gammachiisaa – Systemiin Hootel/Restaurant/Cafe Haala salphaafi ammayyaawaa ta’een too’achuuf oolu #Xumuramuuf


‘Who minus who’ jechu mitiiree – #Dhaabbatootni Daldalaa Ilmaan Oromoo hedduun(irra caalaan) #Tekinoolojii_Ammayyaawaa hojii irra oolchuudhaan #DALDALA isaanii too’achuu hin jalqabne. Biyyuma #Xoobiyaa tana keessatti garuu kan warra kaanii #Tajaajiluma walfakkaatu #saffisaan, haala salphaan, gatii-salphaan, Humna-namaa Salphaadhaan(simple, effectively, efficiently and low cost) kennaa jiru waan ta’eef #Maamiloota hedduu qabu.

Keenya immoo – humna namaa heddu qacaree, yeroo dheeraa fayyadamee(saffisa gadi bu’aadhaaa), adeemsa walxaxaa ta’een daldala isaanii gaggeessu waan ta’eef Maamiloota heddu hin qaban, #Baasiif-Galii isaanii too’achuun ulfaataafi qisaasamaaf saaxilamaadha. Kanaafuu Faayidaa Abbaan qabeenyichaa argatu – himuuf miti #tilmaamuufiyyuu rakkisaadha.

Kana warra kaanii garuu, Tokkoon-tokkoo wanti bahe, wanti gale – #Sirnaan(by system) too’atama waan ta’eef waan hunda too’achuuf salphaadha.

Kanuma irraa kaanee Gareen OROMO ICT Hawaasa keenya cinaa dhaabbachuudhaaf Halkanii-Guyyaa jabaannee Hojjachuudhaan hawaasa keenya cimsuudhaaf Hojjachaa jira.

Haaluma kanaan, Kinoo hardha #Sirna(system) – Giddugala Daldalaa – keessaayyuu
~Hoteloota kamiiyyuu
~Manneen Nyaataa kamiiyyuu
~Kaaffeefi kkf haala salphaan

#Koompitaraafi #Bilbila Harkaatiin(Smart phones) too’achuu oolu, #Hojjatamee -xumuramee Hojitti akka jijjiiramuuf Hawaasa Keenya, hawwaasa Biyyattii guutuu kanneen #Daldala Hootelootaa, Mana Nyaataa, Kaaffeefi kkf irratti bobba’an #Balbala Dura Dhaabbannee #Balbala Keessan dhadhayaa(#ankuaka’aa) jirra.

Fkn: Abbaan qabeenyichaa – Bilbila dhuunfaatiin Baasiifi Galii dhaabbata ofii too’achuu/hordofuu danda’a.

Akkasumas,

  • Tajaajiloota qaban sana namni kamuu fageenya irra taa’ee akka ajajachuu ykn bitachuu danda’u gochuu,
  • Yoo mana nyaataa ta’e dursanii nyaata barbaadan filachuufi hanga manicha/hootelicha gahanitti akka hojjatamuuf ajajachuu,
  • Tajaajiloota dhaabbatichi kennu maamilootni salphatti akka beekaniifi sochiilee daldalaa mana sana keessatti raawwatamuf too’achuufi yeroo barbaadanitti systemichuma irraa         gabaasa guyyaa, ji’aafi waggaalee baasuun akka danda’amuudhafikkf

Maarree firaafi maatiin keessan #Daldala kanatti bobbo’a dubbiin tun akka gurra buutu – Waliif dabarsaa(Share).

Bifuma kanaan, Tuutni OROMO ICT cimee hojjachuudhaan, dhaabbilee Ummata keenyaa hunda gara teekinoolojii fiduuf halkaniif guyyaa – boqonnaa malee akka hojjatu isin yaadachiifna.


Kaayyoon keenya: Hubannoo Hawaasaa Cimsuudha!

HORAA BULAA DEEBANAA…✍👈
👥: OROMO ICT and Qubee Technologies TEAM!💤
E-mail: info@oroict.com or oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com and www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Comments (2)

  1. shibliy
    March 15, 2018

    baayee waan gaariidha jabaadhaa

  2. Deebii Lataa
    April 2, 2018

    Jabaadhaa jabaadhaa. Siif dhufe jedhiin. Bravo Oro Programmer.

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *