Finfinnee Kaartaa Gogilii Marsaalee Ammee

Tartiiba Maqaa #Addisababa Google Map irratti jedhurraa gara #Finfinneetti akka jijjiirru nu gargaaru


Dhaabbanni guddaan addunyaa keenyaa dhaabbilee garagaraa 200 ol qaba. Isaan keessaa Google Map isa tokkoodha. Dhaabbanni Google Map kun Kaartaa addunyaa adda addaa kanneen akka Kaartaa Biyyootaa, Magaalotaa, iddoowwan bebeekkamoo, iddoowwan seena-qabeeyyii, biyyoota guddatan keessatti immoo hanga mana dhuunfaa hunda Sirna(System) isaanii irratti walitti qabuun, namni ykn gareen namootaa ykn Dhaabbattni tokko maqaa sanaan yoo Sirna(System) kaartaa Google kana irra barbaade iddoo qabatamaa ykn argama sana agarsiisuu bira darbee daandii iddoo sanatti nu geessullee kan agarsiisuudha. Haala kanaan,  tajaajila adda addaatiif ummanni addunyaa guutuu irra jiran akka dhimma itti bahaniif tajaajila kennaa jira.

Kana malees, Tajaajiloota argama adda addaa kanneen dhaabbilee birootiif dhiyeessuun argama waan tokkoo akka argannuuf tajaajila nuuf kennaa jira. Fakkeenya kanneen keessaa Dhaabbilee Oomisha Bilbilaa(Qafoo) dhiyeessaniif tajaajilicha bifa Fayyadamaa(App – Google Map) jedhuun kennuudhaan, fayyadamtootni bilbilaa iddoo barbaadan Fayyadamaa kanarraa argachuufi akka itti dhimma bahan, akkasumas Qafichi yoo jalaa bade, Fayyadamaan qafoo sanaa eessa akka jiru namni biraa yoo fedhe ilaaluu akka danda’uuf kkf fa’a.  maal kana qofaree; Yeroo Feesbuukii fayyadamnu, Yoo Fayyadamaa(App) sana bilbila keenya irraa bannee jiraanne, yeroo waa maxxansinu Iddoo argama keenyaa(Magaalaa ykn iddoo beekkamaa naannoo nuti jirruu) akka agarsiisuuf dhimma itti bahamaa jira.  Kana malees tajaajiloota biraa hedduuf oola.

Walumaagalatti; Iddoon tokko ykn Maqaan naannoo tokkoo dogoggoraan Sirna Kaartaa Google(Google Map System) irra olkaayamuu danda’a. Kun akka mudachuu danda’u Dhaabbanni Google tillee sirritti amana. Kanaafuu, Dhaabbatichi yeroo kamittuu komii gama kanaan ka’u ni simata, ni sirreessa, akkasumas nutis dhuunfaan, gareen ykn dhaabbanni tokkos akka sirreessu ykn haaraa duraan hin jirres dabaluu akka danda’u ykn kan dogoggoraan jiru sirreessisuu(Modify) goosisuun ni danda’ama.

Haala kanaan; Magaalota Oromiyaa keessa jiran kanneen sirna gabroomfataa asiin dura turaniin fedhii ummataa malee jijjiiranii, Maquma dogoggoraa kanaan Sirna kaartaa Google irra olkaayan sana sirreessisuu ykn guutumatti akka balleeffamu ykn haaraa hin jirre itti dabaluun kan danda’u waan ta’eef;

Ammaaf Maqaa magaalota dogoggoraan Sirnicha(System) irra jiranii sirreessisuuf ykn Haqsiisuuf tooftaa lama fayyadamuu dandeenya. Isaanis:

1ffaa) – Akka sirreeffamu ykn haqamu yaada keenna dhaabbatichaaf erguu(Suggest for edits or removal)

2ffaa) – Unkaa seera-qabeessa haqsiisuu ykn sirreessisuu dhaabbanni qopheesse guutanii erguudha.

Guutummaa tartiiba tooftaalee lamaan kanneenii asii gaditti hordofaa

Maqaa iddoo ykn Naannoo ykn Magaalaa akka sirreessan yaada kennuu(Suggest To Edits/modify or removal)

  • Koompitara keessan irraa Kaartaa Google(Google map) banaa ykn hidhaa( open Google Maps(https://www.google.com/maps/)) kana banaa. Yoo Mobile Fayyadamaa jiraattan immoo Mobile keessan irraa ‘Google Map App’ jedhu banaa.
  • Gara harka bitaa keenya irratti iddoo barbaachaatti(Search) keessaatti Maqaa jijjiirsisuuf ykn haqsiisuuf barbaaddu sana(Finfinne) galchuudhaan barbaadi(Search) godhi. Sana booda fuuldura keenyatti kaartaan nuti barbaadne nuuf dhufa akka suuraa asii gadii irraa muldhatu kanatti.


  • Ammas Deebinee harkuma bitaa irraa Baafata(menu) sarara sadi qabu cuqaafna. Filannoowwan hedduutu cinema harka bitaatti nuuf tarreeffama.
  • Tarreewwan harka bitaa irratti nuuf dhufan sana keessaa gara gadii buunee, ‘Gulaalliif yaada kenni (Suggest for Edits) isa jedhu, yoo filannoo kana dhabne immoo ‘Duubdeebii Ergi(Send Feedback) isa jedhu filanna.

  • Sana booda iddoo duwwaa nuuf dhufutti Yaada barbaadne Afaan English fayyadamnee barreessina. Fkn OROMO ICTn maqaa ‘Addis Ababa’ jedhu kana akka haqamu bifa kanaan gafate.

Dear Google-Map Team;

Addis Ababa is the capital city for the Federal Government of Ethiopia, headquarters for the African Union and also the capital city of Oromiya Regional State Government. This city was built as a garrison for the expansionist’s army in the end of 19th Century. The native Oromos who were forcefully evicted from their land call it “Finfine” for centuries. Also today the whole Oromo people and the government of the Oromia Region officially use the name Finfinne instead of Addis Ababa. The name Addis Ababa is no longer acceptable from now on. The new legal and appropriate name should be Finfinne, Oromia, Ethiopia. So, I want to request you to remove this old name(Addis Ababa) from your system as soon as possible, and replace it by ‘Finfinne’.

Kind Regards;
Google Map User

Jedhu iddoo duwwaa nuu dhufu keessatti barreessinee ergina.




Hub: maqaa Magaalota barbaadnee haala kanaan sirreessisuun ykn balleessuun ni danda’ama.

Akkasumas Maqaan dogoggora yoo ta’ee akka sirreeffamu barbaade immoo, akka sirreessan barreessinaaf.

  • Dhumarratti Mallattoo > fakkaatu(Suuraa irratti tartiiba 8ffaa – Ergi(Send) jedhu sana cuqaasuudhaan, hanga Yaadachiisa ‘Ergameera’ jedhu nutty muldhatuuf eegna.

Tooftaan lammaffaa, Unkaa Seera-qabeessa dhaabbatichi qopheesse guutuudha. Kunis tartiiba kanaa gadiitiin ta’a:

  • Hidhaa kana banaa (Open link submit a legal request)
  • Dabala ilaali(See more product) isa jedhu filadhaa
  • Kaartaa(Maps) isa jedhu cuqaasaa
  • Filannoo jalqabarra jiru(Odeeffannoo dogoggoraa gabaasuu barbaada) isa jedhu cuqaasaa
  • Gadi siqxanii waan dogoggora qabu nuuf erguuf fuula kana(this page.) isa jedhu bantanii tartiiba tooftaa 1ffaa jalatti hordofne guunnee ergina.

Suurarratti akkas fakkaata:






Kaayyoon keenya :Hawaaasa keenyaaf Furmaata Tekinoolojii tahuudha!

HORAA BULAA DEEBANAA

OROMO ICT | Qubee Technologies

Cell: +251904432625 /+251910130926
Email: oromoict@gmail.com or info@oroict.com or contact@oroict.com

Web: www.oroict.com – Gorsa ICT
: www.afan-oromoo.com – Afaan Oromoo
: www.hojii.net – Beeksisa Hojii
: https://fayyaa.afaan-oromoo.com – Gorsa Ogeeyyii Fayyaa.
 

 

Author

abdiisaa

Comments (4)

  1. Muste
    March 7, 2019

    The capital city of Ethiopia
    Finfinee

  2. Hasa
    March 8, 2019

    Dear Google website we want to change the name of capital city of Ethiopia Adis ababa to Finfinnee (Ethiopia Finfinnee Oromiyaa)

  3. Yohannes jalata nagari
    March 10, 2019

    Correcting a name of Ethiopian capital city from Addis Abeba to Finfinne

  4. Musa Gobena
    October 4, 2019

    Tolchaa irratti Dalagaa oromoo tiyya keessattuu waroonni Afaan english haala gaariin beektan

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *