Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Itti fayyadama Marsaalee Hawaasaa irratti BIRIITEEN seera haaraa qopheessaa jirti.


Biriiteen Haala itti fayyadama Marsaalee Hawaasaa akka miidhaa hin qaqqabsiifne tiksuuf kan oolu seera haaraa qopheessaa jiraachuu beeksifteerti. Seerri haaraa kun hojiirra yoo oole odeeffannoo kijibaafi sobaa kan daddabarsan marsaaleen hawaasaa adabbiif kan saaxilaman tahutu himame.
Mootummmoota Biyyoota Awustiraaliyaa dabalatee kanneen biyyoota addunyaa hedduun Marsaalee hawaasa walqunnamsiisan irratti itti-fayyadama seermaleessummaa, fedhii seeraan alaa kakaasuu, fi Filannoo irratti dhiibbaa akka hin uumne too’achuun qabiyyee seerichaa akka tahe himameera.

Mootummaan Biriiteen labbiin biyya keessa jiraatan rakkoowwan kallattiin tahee alkallattiin miidiyaadhaan gaggeeffamu sababeeffachuun miidhaa uumamu too’achuuf seerri qophaayaa jiraachuun beekameera.
Kanumaan walqabatee qaamota seera cabsan ykn darban irratti Yakka adabaa dabalatee marsaalee isaanii ugguruu, akkasumas hooggantoota Dhaabbilee Tekinoolojii ittigaafatamummaa fudhachiisuu akka tahe himameera. Dhimmicha waliin walqabatee Feesbuukiin gamasaatiin Mootummaa waliin akka hojjatu ibseera.

Maddi: insa

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *