Barnoota Moobaayilaa Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Bilbilli Keessan Dhagaa[Battery/Chaarjii] Daddafee fixuun isin rakkisaa jiraa? #Sababaafi #Furmaata isaa

Bilbilli Keessan Dhagaa[Battery/Chaarjii] Daddafee fixuun isin rakkisaa jiraa? #Sababaafi #Furmaata isaa hordofaa: OROMO ICTdhaan


Eeyyen, yeroo amma akkuma hedduun keenya beeknu, keessattuu Bilbilli ammayyaawoo ta’an yeoo ammaa hojiiwwan adda addaatiif waan fayyadamnuuf, Bilbilli hedduu keenyaa rakkoo kanaaf saaxilamaadha. Kunis sababa malee miti ykn sababa mataa isaa danda’e qaba. Sababoota Bilbilli keenya dafee dhagaa/battery/charge fixatuuf keessaa ijoon:

  • 1) Ifni Argii isaa olaanaa yoo ta’e[Screen brightness is too high]. Keessattuu Bilbilli ammayyaawoo ta’an Argii[screen] isaa hanguma baldhatu, #Chaarjiis fixa, akkasumas ifni screenichaa garmalee olka’aa yoo ta’e
  • 2) Bilbilicha guyyaa guutuu boqonnaa malee itti fayyadamuu
  • 3) Fayyadamaan[Apps] adda addaa duubduubbeen(background) hojiirra jiraachuu
  • 4) Fayyadamaa[App] Humna Dhagaa/battery/charge sanaa fixuu danda’u banuun. Fkn: Weather Condition, Games App fa’a chaarjii/battery fixuu bira darbee humna(energy) dhagaa sanaayyuu ni ajjeesa, yeroo biraatiifuu ni miidha.
  • 5) Sirni Dalagaa(Operating system) bilbilichaa hin haarofne yoo ta’e. kunis Fayyadamaa[App] nuti fayyadamnuun waan wal hin madaalleef humna chaarjii guddaa fixa
  • 6) Haalli qilleensa keessa jirruu, Qaamni Qafoo sanaa  Gosa bilbilicha sanaafi muuxannoon ykn hubannoon namootni qaban Chaarjii bilbila isaanii fixuuf hamma ta’e dhiibbaa qaba.

 

Furmaata Bilbila #Chaarjii fixuun nu rakkisee

  • Qindaa’ina keessa seenuudhaan; ifa argii[screen brightness] xiqqeessaa, Live wallpaper OFF godhaa, Sleep Time gadi xiqqeessaa yeroo nuti fayyadamuu dhiifne akka caljedhee hin ifne.Kunis: Setting–>Display/Battery–>brightness/wallpaper/sleep time
  • Fayyadamaalee Duubduubbee hojjachutti jiran dhaamsuu[Stop background running Apps]. Kunis: Setting–>Apps–>Force Stop
  • Yoo Haalli kun nu fayyaduu dide; Fayyadamaa[App] rakkoolee asiin olitti eerame kana ofumaa nuuf hojjatee #Turtii Chaarjii keenyaa nuuf dheeressu fayyadamuun furmaata ta’a. Fayyamaan[App] hojii kana hojjachuun nu qarqaaruu danda’an hedduun jiraatanis, isaan keessaa gaarii kan ta’e tokko isiniif eergaa Kuusaa GOOGLE fi Apple (Google Play and Apple Store) irraa buufadhaa

Link kana cuqaasaa:

Bilbila Andirooyidiitiif link kanarraa buufadhaa

https://play.google.com/store/apps/dev?id=5136463870676991548&hl=en

Bilbila iPhonetiif: link kanarraa buufadhaa

https://itunes.apple.com/us/app/battery-life-check-devices-runtimes/id1080930585?mt=8

 


HORAA BULAA

OROMO ICT

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *