Yoo Namaa bilbiltan Lakkoofsa Keessan dhoksuuf
Yoo Namaa bilbiltan Lakkoofsa Keessan dhoksuuf
Yoo nama tokkoo bilbiltan Lakkoofsi keessan lakkoofsa hin beekkamneen ykn lakkoofsa isin bilbiltaniin osoo hin taane lakkoofsa biraatiin akka nama itti bilbilame sana birratti muldhatu gochuun ni danda’ama.
Tajaajila kana fayyadamuu namni barbaadu, Tartiiba kanaa gadii hordofaa:
1) Bilbila keessan banaa [Tap Phone]
2) Tartiibni kun akkaataa qafoo keessaniitiin gargar ta’us TUQAA SADI[MORE] jedhu barbaadaa cuqaasaa.
3) Itti Aansuun SETTING ykn CALL SETTING Seenaa
4) Ammas Tartiibni kunis akkaataa Mobile keessaniitiin gargar ta’uu danda’a, ta’us CALL kan jedhu cuqaasaa.
5) MORE SETTING ykn ADDITIONAL SETTING Seenaa
6) CALL ID, SHOW CALL ID ykn SHOW MY CALLER ID cuqaasa
7) HIDE NUMBER kan jedhu Filadhaa
Tartiiba kana seeraan hordoftanii guuttannaan, yeroo nama biraatii bilbiltan Lakkoofsi keessan nama bilbiltaniif sana biratti hin muldhatu.
OROMO ICT
[sgmb id=”1″]
BELAY
February 13, 2017Galatoma U are Special
nanat
February 13, 20170777777777 kanjedhu barreessinaa
Hamzaa Hajii
March 11, 2017Baay’ee galatoomaa!!!!!!!!
Hamzaa Hajii
March 11, 2017Baay’ee galatoomaa waan hedduu baranne Galata guddaa argadhaa!!
Tahir Awel
February 13, 2017Galatooma !!
Baay’ee namattii tola.
abdijeilan15
February 14, 2017caller id kiyya hide ta”ee jira hin banamu maaliidhaafi laata
abdi
February 14, 2017bareedadha itti Fufaa
Naol Merga
August 29, 2017Caller ID hide godhee jiraa akkamiinan active taasisa adaraa?
Hamdi
February 15, 2017Akka isi. Jettanitti guuteen ture. Garuu gaafan nama biraatti bilbilee ilaalu lakk. Koo ni mul’isa
jemal
February 15, 2017Yoo ID hide godhuu nama irraatti yaaluu ofiirraa darba maaliif
Yonas Abera
February 16, 2017Baayyen isiin jaaladha nuuf jiraadhaa
umuriin keessan nuuf haa dheeratu
barumsaa keessaniif gudaa(…) galatooma
Leti
March 24, 2017Ammayyuu bilbilakoo ni mullisa
Abduljabbaar Muhammad
September 20, 2017Mobile X-TIGI jedhamuun yoo fayyadamuu barbaade akkamin godha? ajaja isin tarreessitan kanaan wal hin fakkaatu.
X-TIGI’ n akkana jedha:
Setting>call setting>Hide ID jedhee jalatti filannnoo sadi naa kenne.
1.Hide ID dha. Afaan Oromoon “WE (ID) dhoksi” jedha.
=Inni kun ani nan bilbila yoon jedhe naa bilbilu, garuu namni yoo naa bilbile ni hojjata.
2.Display own ID jechuun “WE(ID) kiyya agarsiisi” jedha.
=Inni kun immoo faallaa isa 1ffaati.
Ani namaa nan bilbila garuu namni naaf bilbiluu hin danda’u.
3.Display ID by network jechuun “WE[ID] cimdaan argisiisi” jechuudha.
=Kun immoo Ni fudhatas(Receive) ni seenas(Dial).
Isaan lamaan duraa tajaajila tokko tokko qofa kennu inni sadaffaan garuu bilbilas ni fudhata, ni bilbila.
Egaa kan akkanaa kun maal haa ta’u?
Tajaajilli akkanaa kun Mobaayila hundarratti ni hojjata yoo ta’e karaadhuma an tarreesse kanaan ala falli yoo jiraate nuu eeraa.
Fknf haala koodiitiin.
Mobile icha yaaliidhaan yoo laaluu feetan maqaansaa X-TIGI dha.
Galatoomaa deebii naan dhaqqabaa.
ifarganblog
April 15, 2018“Additional setting” jala ergan seenee booda “Caller Id” kiyya disable na jalaa godhee jira. sababnisaa maali? Bilbilli kiyya HUAWEI dha