Barnoota Moobaayilaa Hanna Feesbuukii Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Feesbuukiin keenya hatamuu akkamitti beekna? Furmaatni hoo? [how do you know if your facebook is hacked and Solutions]— Kutaa 2ffaa

Feesbuukiin keenya hatamuu akkamitti beekna? Furmaatni hoo? [how do you know if your facebook is hacked and Solutions]— Kutaa 2ffaa


Facebook hatuu/cabsuun baratamaa dhufeera. Dhaabbanni Facebook maamiltoota isaatiif ofeeggannoo guddaa godhus Ogeeyyiin Koompitaraa dandeettii qabaniifi fi namootni tokko tokko Mosajiilee garagaraa fayyadamuudhaan Eenyummeessaa Feesbuukii nama dhuunfaa cufuufi balleessuu danda’u.

Kanaafuu, Facebook keenya hatamuu beekuuf tartiibota armaan gadii too’achuufi ofeeggannoo barbaachisu gochuun gaariidha.

  • Icciitenya Qindaa’ina keenyaa ilaaluu

Kunis>> Go into your Facebook account and click the arrowhead in the top right to expand a menu. From the menu, pick Settings and go to Security and Login seenuudhaan eenyummeessaan keenya eessa fa’atti akka baname ilaaluufi akkasumas kamtu ka’aa(Active) akka ta’e ilaaluu.

 

Kanaafuu, Dabalataan immoo ‘See More‘ ishee jettu sana cuqaasnee ilaaluun iddoo biratti ykn iddoo nuti hin beeknetti baname taanaan tuqaalee fuuldulraa sadi sana cuqaasuun ‘Logout’ gochuu ammas yoo shakkiitan gara gadiitii iddoma hundaayyuu ‘Logout’ gochuu dandeessu. Kanaafuu, Rakkina kana too’achuuf ykn Eenyummeessaa keessan icciitiidhaan eeggachuuf immoo gorsa armaan gadii hordofaa:

  • Jecha darbii keessan cimsadhaa
  • Jecha Darbii keessan yoo xiqqaate ji’a saditti altokko jijjiiradhaa
  • Jecha darbii daganne(Forgot password) jennee Irradeebisiisuu(Rest) gochuu

Yoo Eenyummeessaa keessan seenuu(login) gochuu dadhabdan fayyadamuu hin dandeenye immoo

  • Eenyummeessaa isin jalaa hatame gabaasaa(Report compromised account)

Feesbuukiin keessan osoo isin hin beekin yeroo ergaa qinqanii(virus, spam and malware) qabu hiriyyoota keessanitti yoo ergu, Eenyummeessaan keessan hatameera jechuudha. kanaafuu dhaabbanni Facebook akka beeku qabaasuu qabdu.

Kana gabaasuuf immoo hidhaa(link) kana banaa:

https://www.facebook.com/hacked/

 

 

 

  • Fayyadamaa hin barbaachifne balleessaa(Remove Suspicious Applications)

Eenyummeessaa keenya keessa osoo nuti hin beeknes ta’ee osoo nuti interneeta fayyadamnu Fayyadamaaleen(Apps) heddutu argama. isaani kunneen kan nu basaasaniifi odeeffannoo dhuunfaa keenya nama birootiif darbarsan ta’uu danada’a. kanaafuu balleessuun barbaachisaadha.

Balleessuuf tartiiba asii gadii hordofaa

To remove suspicious applications, go to Settings > Apps and go through the list. Be sure to Show All, hover over applications you’d like to remove, click the X, and confirm by clicking Remove

 

Yookaanis, Fooyya’ina(Edit) goonee Fayyadamaan sun akka waa hin balleessin hayyama(permission) dhooggachuu qabna.

 

 

  • Too’annaa Miidhaa qaqqabee gochuu(Do Damage Control)

Erga Eenyummeessaa keenya hatame deebifannee booda, Qindaa’ina isaa hunda too’achuufi wantoota ta’aa turan hiriyyoota keessan beeksisuudha. Kunis Namni eenyummeessaa keessan hate sun eenyummeessaa keessaniin miidhaan qaqqabsiise jiraachuu waan danda’uuf.

 


 

 

HORAA BULAA DEEBANAA
Qubee Technologies and OROICT.com TEAMS

Author

abdiisaa

Comments (2)

  1. Naaftolii Hussein
    October 23, 2017

    Yaa oromoo koo saba koo jaalatamaa baay’ee galatoomaa. Dhugaa dubbachuuf taanaan Gumaachi isin Afaan Oromoo karaa saayinsii fi teknoloojiitiin Sadarkaa Addunyaatti Afaan keenya beeksisuu fi Ummata Afaan kana dubbatuuf Tajaajilli isin kennaa jirtan hagana jedhamee waan tilmaamuu miti. Galanni keessan Bilisummaa haa ta’u isiniin jechuu barbaada

  2. Girma Olani
    November 26, 2022

    BAAYYEE NAMATTI TOLA BAR NOOTA GAARII NAMNI FB FAYYADAMU BEEKUU QABUUDHA. JABAADHAA! GARUU ODEEFFANNOO MAXXANSITAN KANA HAALA SALPHAA TAHEEN AKKA SHARE GODHAMU HAALA MIJEESSAA.

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *