oroict.com|Qubee Technologies dhaabbata Tekinoolojii hojiiwwan Tekinoolojii adda addaa ummata keenyaaf dhiyeessuudha
yeroo ammaa Tajaajila Si’ataafi Dorgomaa akkasumas humna hawaasa keenyaa kan giddugaleeffate dhiyeessuudhaan Dhaabbilee Hawaasa keenyaa heddu wajjiin hojii kan eegallee jirra.
Afaan Oromoo osoo Abbaa qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa ta’a ture.
Guddina Afaan Oromoo kan quucarse Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun dura Afaan hojii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuu qaba.
Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin hundi keenya AFAAN Jaalannu kanaaf maal gumaachine?
Yaada Furmaataa……
Kaayyoon Garee OROMO ICT ykn www.oroict.com (Qubee Technologies) guddaafi inni ijoon Hanguma dandeettii keenyaatiin, waanuma dandeennuufi beeknuun irratti gama Tekinoolojii Qunnamtiif Odeeffannoo(ICT Concepts) irratti waan ummata keenya ni fayyada jennu isiniif dhiyeessuun HUBANNOO Hawaasa keenyaa cimsuudha. Kanaaf, yeroo yerotti barruuleefi maxxansaalee keessattuu haala yerootiin walqabatan irratti xiyyeeffannee, keessattuu Barnoota Koompitaraa Barnoota Mobile Itti Fayyadama Marsaalee […]