Eenyummeessaa/account/ moobaayiloota, taabileetota apple irraa qabaachuun tajaajiloota adda addaa kenna. Fakkeenyeef; tajaajiloota akka daataa gara garaa ol kaayuu/backup/ gochuu, moosaajilee adda addaa iTune keessaa buufachuu, yoo bilbilli bade barbaaduu fi kkf niif tajaajila. Maxxansi keenya kan har’aa kunis gaafii yeroo dheeraa namoota hedduu kan tahe, akkaataa eenyumeessaa apple itti uumuu danda’an irratti kan xiyyeeffatuudha. Maxxansa […]
Faayiloota suuraa keessatti dhoksuu jechuun maaliidha yoo jennee ilaalle, suuraa/photo/ keessatti faayiloota akka docx, pdf, fi kkf suuraa keessatti galchuudhaan, akka namni biraa hin ilaalletti dhoksuu jechuudha.
Akkaataa Ergaa Gabaabaa(SMS) Mobile Androoyidii keenya keessa jiru ittiin dhoksuu dandeenyufi akkamitti argii[screen] irraa dhoksina? Ergaa gabaabaa bilbilsochii(mobile) irraa balleessuun hin barbaachisu, icciitiis taanaan bilbiluma keenyarratti dhoksuun ni danda’ama. Tajaajila kana akka argannuuf kan nu qarqaaran Fayyadamaan[App] bilisaa heddu kan jiru waan ta’eef, tartiiba armaan gadii hordofuun tajaajilicha argachuu dandeessu. Ajaja[Instruction]: Iyya’aa(browser) Bilbilsochii Andirooyidii keenya […]
Ergaa gabaabaa(SMS) fi Lakkoofsa bilbilaa(contacts) deebifachuuf Tartiiba kanaa gadii hordofaa. #Share|#Like|#Comment: OROMO ICT Bilbila Ammayyaawaa Android(SMART PHONES) keenya keessaa Ergaan gabaabaan (SMS), Lakkoofsi bilbilaa(Contacts), Suuraaleen(pictures), suursagalee(video) fikkf yoo nu jalaa bade akkamitti deebifanna ykn bayyanachiifna(recover)? Bilbila keenya Ammayyaawaa(smart phone) irraa ergaan gabaabaan guyyaa guyyatti namoota adda addaatii dhimma dhuunfaas haa ta’u dalagaaf ergaa oollu yoo […]
Interneeta Bilbila keessan irratti bantanii Koompuutara keessan irratti Fayyadamuu dandeessu: OROMO ICT Eeyyen, Bilbila keenya keessattuu SIM 3G fi isaa oli fayyadamna yoo ta’e, Tajaajila interneetaa Bilbila irratti baname, Mala salphaa ta’een koomputara keenyaan walqunnamsiifnee fayyadamuu dandeenya. Kunis mala salphaafi baayyee gaarii ta’e keessaa “Wi-Fi Hotspot” Bilbila keenyaa banuudha. Malli kun mala koompitarri(laptop) keenyaan salphatti […]
Bilbila isin/hiriyyaa keessan Jalaa bade Fageenyarraa itti bilbiluu(Ring), Saamsuu(Lock), Qulqulleessuu(Erase) ykn Faana dhahuu(Track location): OROMO ICT Bilbila nu jalaa bade ykn hatame ykn biyya biraatti irraanfanne, Fageenya irraa itti bilbiluu(ring), Saamsuu(lock) ykn Qulqulleessuu(Erase or format) gochuufi Bilbilichi sun naannoo kami akka jiru(show your device’s location) ilaaluu dandeenya. Bilbila keenya yoo hattuun fudhattes ta’ee yoo biyya […]
Bilbila nu jalaa bade/hatame, Fageenya irraa itti bilbiluu(ring), Saamsuu(lock) ykn Qulqulleessuu(Erase or format) gochuufi iddoo inni jiru ilaaluuf: OROMO ICT Yeroo ammaa bilbilli jireenya keenya keessatti iddoo olaanaa qabachuu bira darbee gahee guddaa taphachaa jira. Namootni hojii hedduu haala salphaan hojjachuuf dandeessiseera. Hojii xaxamaafi dadhabsiisaa turan haala salphaafi yeroo gabaabaa keessatti akka hojjatamuuf dandii […]
Bilbila Android isin Jalaa Saamsame Osoo Deetaan isin jalaa hin badin akkamitti Banattu[Unlocking Android Smart Phone Pattern without losing Data] Yeroo ammaa bilbilli Android Bilbila baldhinaan addunyaa keenya keessatti namni hedduu fayyadamaa jiru ta’uu hedduu keenyaaf ifa, ittis fayyadamaa jirra. Kanuma Hubannoo keesssa Galchuun Injiinarootni dhaabbata GOOGLE xiyyeeffanna guddaa kennanii Bilbila kana icciitessuuf hojjachaa jiru. […]
Marsaalee ugguraman VPN operaatiin daawachuuf Har’a akkuma baratame, wanta guddaa tokko isiniif qooduu barbaade. Hedduun keenya moobayila keenyaafis haa tahuu koompiitara keenyaaf ‘browser’ gaariidha jennee kan filannu Opera dha. Sababni namni hedduun Opera filatuuf, saffisa isaa fi qusannoo inni maallaqaaf qabuuti. Bara darbe kaampaanichi moosaajilee maallaqa heddu fixan kan too’achuuf gargaaru, tajaajila Opera Max jedhamu […]
Bilbila isin jalaa bade yookiin hatame barbaaduuf: OROMO ICT Bara kana keessa bilbila gatuun keessattuu immoo bilbiloota haaraa hatuun beekkamaadha. Meeqaa keenyatu gatee quba of ciniinaa jira laata? Akkuma “kan waraane dagatus, kan waraanname hin dagatu” jedhamu sana kan moobayila ofii gate ykn jalaa hatamte hin dagatu. Osoo yaadaan isin hin fageessin mee gara dubbii […]