Qafoo ‘Galaxy S10, S10+ and S10 Lite’, Gatiisaanii, Guyyaa gadi lakkifamuufi Qabiyyeesaanii
Torbaan tokko booda dhaabbanni SAMSUNG, Qafoo Bilbilaa S10 jedhamu gadi lakkisuuf akka jiru ifoomse.
Akka maddootni toora interneetaa heddu himaa jiranitti, Dhaabbanni SAMSUNG hundeeffamasaa waggaa-10ffaa sababeeffachuudhaan Qafoo Samsung Galaxy S10, S10+, fi S10e jedhaman dhiyotti gadi-lakkisuuf qophii xumuree jira jedhu.
Qafoon kun qabiyyeewwan hedduu kan qabuufi Tekinoolojii ammayyaa heddu kan ofkeessatti hammate yommuu ta’u isaan keessaa muraasni: “Samsung’s Infinity-O display, an in-display fingerprint scanner and a triple-camera”
Yeroo jalqabaatiif Tajaajila Bitattootaa mijeessuuf kan qophaaye ‘Budget’ tajaajilli jedhamus itti dabalamuu himameera.
Qafoon kun kan gadi lakkifamu:
Fulbaana 20/2019 yommuu tahu qafoo Gosoota “Galaxy S10, S10+ and S10 Lite” akka ta’etu eegama.
Akka himametti, Osoo gurgurtaaf Bitotteessa 8/2019 gurgurtaaf kan dhiyaatu yoo ta’es dhaabbatichi ajaja hatattamaa dursee dhufuuf simachuuf qophii ta’uu addeesseera.
Gatii
Akka gabaasaatti,
-“the so-called ‘budget’ Galaxy S10 will offer 128GB storage and retail for £699”,
- “the regular S10 will offer 128GB or 512GB storage for £799 and £999”
- “the S10 Plus will offer 128GB, 512GB and 1TB variants priced at £899, £1,099 and an eye-watering £1,399”.