Haasawaa jibbinsaa attamiin to’achuun danda’amaa? – Henook Gabbisaatiin
Interneetiirratti, keessumaa miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka Facebook, Twitter, YouTube, fi kanneen biroo; nami bakka jiruutti odeeffannoo akka walii qoodu, akka nagaa walitti dhaamu; walumaa gala akka walitti dhihaatu taasisanis, arrabsoo, jibba, oduu sobaa, olola sabaaafi saba, hordoftoota amantaa garaa garaa walitti buusullee ni gadhiifamu.
Aanga’oota mootummaa gurguddoo dabalatee waan isaan hin jedhiin jechuudhaan maqaa balleessuuf wanti gadhiifamaa jiru hedduu ta’uun ni himama.
Biyyoonni garagaraa haasawa jibbinsaa irratti seera tolfataniiru. Mootummaan Itoophiyaas tibbana wixinee labsii haaraa, kan haasaa jibbinsaafi oduu sobaa to’achuuf dandeessisu jedhame baaseera.
Labsii kana irratti BBC Afaan Oromoo Yunivarsiitii ‘Washington & Lee’tti barsiisaa seeraa kan ta’e Dr. Heenok Gabbisaa gaafateera.
Walumaa galatti yaalii mootummaan haasawaan jibbinsaa akka hin baballanne taasisuudhaaf gochaa jiru haala gaariidhaan akka ilaalu dubbata.
Haata’u malee ”haasawaa jibbinsaa ittisuudhaaf seera baasuun, aangoo mana murtiitti kennuudhaan; hangam haasawaa jibbinsaa kana to’achuu danda’a kan jedhu shakkiin qaba,” jedha Dr. Henook.
Biyyi kun sirna bittaa abbaa irree irraa gara sirna dimokiraasiitti ce’aa kan jirtudha kan jedhu Dr. Henook, ce’umsa keessa jirti jedha.
“Kana malees biyyumti kuniyyu akka biyyaatti biyya ijaaramtee dhumte miti. Biyyi kamiyyuu osoo ijaaramtee hin xumuramiin rakkoo adda addaatu qunnama.”
‘Gareen federaalizimii jibbu seeraan gaafatamaa?’
Akka hayyuu seeraa kanatti akkaataa biyyi ittiin ijaaramuu qabdu irratti hunduu ilaalcha walfakkaataa ta’e hin qabaatu. “Saboonni biyya sana keessa jiraatan ilaalchaafi hubannoo walfakkaatan hin qaban.”
“Gabaabaadhumatti akkaataa seenaa biyya sanaa hiika itti kenninu adda addadha. Gara Kibbaafi Kaabaatti hiikkoon seenaa biyya sanaa keessatti walfakkaataa ta’e hin jiru.”
Kanaaf ammoo yeroo fakkeenya kaasan, Mooticha Minilik fudhannee yoo ilaalle saba Amaaraa biratti akka gootaatti yeroo ka’an, gara biraatti ammoo akka yakkamaatti ilaalama jedhu.
“Seenaa kana hiikuu irratti hubannoofi ilaalchi uummata Itoophiyaa tokko miti. Gareen tokko ni faarsaa, gareen biraa ammoo ni arrabsa.
Kanaaf, nama seenaa keessatti ka’u kana irratti haalli namni yaada kennu/ejjennoo qabaatu akkamiin ilaalama gaaffii jedhu kaasa.
“Gareen tokko yoo jibbe gareen tokko ammoo yoo faarfate kun yakkamaa nama gochisiisuu danda’aa gaaffiin jedhu ilaalamuu qaba.”
Fakkeenya federaalizimiis ni kaasa Dr. Henook.
Gareen inni tokko federaalizimii kan fudhatu yogguu tahu, inni kaan ammoo sirna kana ni jibba jedhu.
”Gareen federaalizimii jibbu seeraan ni gaafatamaayii?” jedhee gaafata ogeessi kun.
Gama manneen murtiin yaaddoo jiru
Gama biraatiin ammoo manneen murtii biyya kanaa sirna federaalizimii irratti hundaa’u ykn ‘judicial federalism’.
”Manneen murtii kun dudhaa fi haala jiruufi jireenya hawaasa naannoo isaanii irratti hundaa’uun seera hiiku,” kan jedhu Dr. Heenok kanaafis fakkeenya kaa’a.
”Manneen murtii naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiran haasawa jibbiinsaa jedhurratti ilaalcha ykn hiikkoo walfakkaataa kennuu dhiisuu danda’u,” jedha.
Muuxannoo biyyoota biroo
Fakkeenya biyyoota ‘Awurooppaa Bahaa’ Sarbiyaa, Kosoovoo, Albeeniyaa, Masadooniyaa kaasa Dr. Henok.
Kanas wayita ibsu, ”biyyoota kana keessatti seerri haasawaa jibbiinsaa to’atu jira. Haa tahu malee seerri kun kan bahe erga biyyoonni kunniin ijaaramanii xumuramanii boodadha,” jedha.
”Biyyoota kana keessatti sabaafi sa balammoonni ‘himama seenaaf’ morkatan hinjiran. Hawaasa waan hedduun walfakkaatanidha.
Ilaalchaanis, siyaasaanis, as dhufaatii isaaniitinis, fedhiin isaanis walafakkaataadha,” jedha.
Hawaasa akkasii keessatti seera kana hojiirra oolchuun rakkisaa akka hin taanes dubbata.
Akka biyyoota Itoophiyaa eenyummaa adda addaa qaban keessatti seerota akkasii hojiirra oolchuun daran ulfaata jedha Dr. Henook.
Akka furmaataa waan jedhan
Gaaffiin inni jalqabaa ‘haasofni jibbiinsaa daangaansaa maali?’ kan jedhudha kan jedhu Dr. Heenok, akka ilaalcha isaatti ”namni mirga nama jibbee, manasaa keessa taa’uu qabaachuu qaba,” jedhee akka amanu dubbata.
”Haga jibbiinsi sun hojiitti jijjiiramee, gara yakkaatti hin ceenetti, namni jibbuun ofiisaafiyyuu nama gadhee tahuusaa agarsiisa,” kan jedhu ogeessi kun, daangaa itti kaa’uun barbaachisaa akka tahe amana.
‘Namoonni fi dhaabbileen namaafi uummata jibban, yookaan haasawaa jibbiinsaa gaggeessan, ofimasaaniiti gadi-deebi’oo akka tahan, uummata barsiisuun barbaachisaadha,” jedha.
Safartuu haasawaa jibbiinsaa
Kana akkamiin hojiirra oolchuun danda’ama?
Akka biyya Ameerikaatti dhaabni ‘Southern Poverty Law Centre’ jedhamu tokko, jaarmiyaalee fi namoota haasawaa jibbiinsaa irratti bobba’an hordofuun gabaasa baasa jedha Dr. Heenok.
Dhaabni kunis yeroodhaa yeerootti hordofuun, ji’aa fi waggaatti gabaasa baasa.
Gabaasni kunis warreen ‘garee jibbiinsaa’ jedhaman 1 – 100tti tarreessuun, fakkeenya waliin lafa kaa’a. ‘Hate speech barometer’ yookaan ammoo akka safartuu haasawaa jibbiinsaatti gargaara.
Hawaasni biyyattiis gabaasa kana ilaaluun, garee kamtu haasawaa jibbiinsaa irratti bobba’e jedhee adda baafachuun, gara fuulduraatti jarreen kanarraa odeeffannoo bahu keessa deebiin akka xiinxalu godha.
Muuxannoowwan akkasii gara biyyaatti fiduun ni dand’ama jedhee akka amanu Dr. Heenok Gabbisaa turtii BBC Afaan Oromoo waliin godheen dubbateera.
Gama biraatin ”Seera kanaan namni haasawaa jibbiinsaan namni tokko yoo mana hidhaa galu, biyya keenya keessatti, akka mirga sabaatif falmetti goota tahee as baha,” sodaa jedhus akka qabu dubbata.
Maddi BBC