Feesbuukiin meeshaa sammuu namaa dubbisu qopheessaa jira
Feesbuukiin argannoo addadha jedhame meeshaa namoonni sammuudhaan yaaduu qofaan barreessuu dandeessisu/kan sammuu namaa dubbisee barreessu qopheessuuf karoora akka qabu beeksiseera.
Qorannoo maashinii siisteema (algrithms) wantota sochii sammuu keessaatti ta’an gara jechootaatti jijjiiruu maallaqaan deggaraa jira.
Kun kan hojjete dhukkubsataa dhibee of wallaasisuun kuffiisu (epilepsy) wal’aansa baqaqsanii wal’aanuun dura ka’umsi hollachiisuu isaan mudatu eessa akka ta’e ilaaluuf shiboo ragaa galmeessu sammuu isaaniirra kaa’amerraani.
Feesbuukiin “meeshaa miidhaa hin qaqqabsiifne fi godhachuun danda’amu” daqiiqaa tokko keessatti jechoota 100 ijaaru qopheessuuf dandeesisa abdii jedhu horateera.
‘Kottoonfachuu ribuu’
Saayintistoonni Yuunvarsiitii Kaalifoorniyaa Saan Firaansiiskoo gaaffiiwwan filannoo salphaa ta’an tasa toora galanii tarreeffaman akka deebisaniif gaafatan.
Sistemiin (algorithms) adda baasuu kan danda’e:
Gaaffii gaafataman keessaa, 75%
Deebii filatan keessaa
“Adeemsi qorannoo duran turan sagalee dubbataman hiika itti kennuu qofa ture,” jedhu Prof.Idii Chaang.
“Garuu achi keessatti gatii hiika itti kennuun qabu waliin dubbii karaa lamaanuu keessatti ilaalla-gaaffiiwwan namni ta’e dhaga’uufi deebii isaanii keessatti maal akka jedhan.
“Kun ammoo ilaalcha keenya dubbiin callisee lafa duwwaa keessatti hin uumamu isa jedhu cimsa waan ta’eef wanta dhukkubsatoonni rakkoo dubbachuu qaban jechuudhaaf yaalan hiika itti kennuu yaaluun haala isaan keessatti haasa’uuf yaalan guutummaa isaa fudhachuudhaan foyyeeffama.
“Yeroo ammaa, dhukkubsatoonni sababii qaamni isaanii laamsha’ee dubbachuu hin dandeenye walsimachuu kompiitera to’achuudhaaf sochiiwwan ijaa ykn kottoonfannaa ribuu jechoota suuta jedhanii qubeessuurratti daangeffameera.
“Garuu,haala baay’ee keessatti dubbii si’aa ta’e uumuudhaaf odeeffannoon barbaachisu ammallee sammuu isaanii keessa jira.”
“Akka isa ibsuu danda’an kan gargaaru tekinooloojii barbaanna.”
‘Bakka amansiisaa’
“Qorataan Daaviid Moosees jedhamu akkas jedhe: Nuti kan kana milkaa’uu dandeenye jechoota murtaa’oo akka ta’e sammuutti qabachuun nurra jira. Garuu qorannoowwan gara fuula duraatti sochii sammuurraa maal akka hiikuu dandeenyu irratti xiyyeeffannoofi qulqullina dabaluuf abdii qabna. ”
Qorannoon kun ‘Nature Communications’ keessatti maxxanfame.
“Dhumarratti, qorattoonni kunneen jechoota 1,000 keessaa saffisa daqiiqaa tokko keessatti dogoggora jechaa 17% gadiin jechoota 100 hiikuu kan jedhurra qaqqabuuf jiru.
“Akka qaama dhukkubsatoota warra dubbachuu hin dandeenye gargaaruutti shiboo raga galmeessu galeef fayyadamuudhaan yaadichi mirkanaa’uu agarsiisna. Kana gochuudhaanis, hojiin ‘UCSF siistem ‘hiikuu hojjechuu keenyaafi ibsa tekinikaa akkaataa miidhaa hin geessisneefi meeshaa uffatamuu danda’u bifa ta’uun uumuu keenya beeksisuuf jirra.”
“Fuula bilbilaatti gadi ilaaluurra ykn laaptooppiitti mil’achuurra ijaan ilaaluun odeeffanoowwan barbaachisoofi haal jiru tokkollee osoo hin hambisiin tursiifachuu ni dandeenya. ”
Kun osoo kanaan jiruu, Kaampaaniin Eloon Mask Niwurolink jedhamu meeshaa sammuu keessaa cabsee waa hatuu kan ofiisaa yaalii jalqabuudhaaf qaamni US kana to’atu akka hayyamuuf iyyatee ture.
Namoonni dhimma kanarratti qoratan hangi tokko akka amananitti qorannoo akkasiitiif naamusa barbaachisuufi carraa gara fuulduraatti banu yeroo itti dhaabbatanii ilaalanidha.
“yaada walabaatiin kan hawwuufis ta’e kan mormuuf sammuun bakka amansiisaa dha jedhan” Prof. Nitaa Farahany.
Maddi: BBC Afaan oromooti