Baga Nagaan Dhuftan!
BAGA NAGAAN DHUFTAN
#HORDOFTOOTNI Keenya Jirra jirtuu??
Nuti GAREEN OROMO ICT yeroo hundaa Gahee nurraa eegamu bahuuf #Halkanii_Guyyaa akka hojjannu ni beektu.
Isinis Hedduu akka nu hordoftaniifi Nu faana jirtan akkasumas nu #Jajjabeessaa dogoggora keenyas sirreessaa jirtu.
Kanumaaf nutis kinoo Kan duraa Caalaa #Daraan isin tajaajiluuf, waan beeknu isiniif Qooduuf #IMALA Jalqabne itti fufnee jirra. Kinoo Marsariitii www.oroict.com jedhu qabannee dhufneerra.
Kana Booda Abbaan fedhe Barnoota Koompuutaraa, kaan Mobile Kaan Barreeffamaan, Kaan Suursagaleen Akka argachuu dandeessan beeksifna!
Nutis waan dandeenyu kamiinuu Qophiirra jirra.
Ogeeyyiin Garee OROMO ICT wajjiin Hawaasa keessan Barsiisuu barbaaddan Fooddaan keenya Banaadha!
#Hub: Hanqina Neetwork nu mudateen yeroodhaaf Daataan barbaachisu hundi ol hin kaawamne.
Gara Fuula kanaatti #Firoottan, Maatii fi Hiriyyoottan keessan Affeeraa.
HORAA BULAA
OROMO ICT TEAM
A WordPress Commenter
October 7, 2016Hi, this is a comment.
To get started with moderating, editing, and deleting comments, please visit the Comments screen in the dashboard.
Commenter avatars come from Gravatar.
jiregna
February 10, 2021teknoloojiin afaan oromoon sirnaan hojjetamaa hin jiru. fkf moosajiin Galmeessa fi kenna heyyama hanqinaalee baay’ee qaba. yoo xiqqate erga kalaqame waggaa 5(shan) ol lakoofsiseera hanga ammaatti fooyya’iinsa hin agarsiifne. keessumma mata duree jalaqabaa(menu) afaan oromoo ture amma afaan Amahaaratti jijjiramee jira. maaloo erga mana eegaanii sareef qoricha qotu jedha oromoon wal gorsaatii fooyyeessuuf yaalaa. yoo kanneen afaan keenya hin beekneetu achi jira yoo ta’e Oromoo Miliyoona lakka’amu kan sabboonaa ta’e qabna. isaan kan fudhaatii itti adeemaa. yoon dogoggore na gorsaa. Galatooma!